AS WR WB BISMILLAHI RAHMAANI RAHIIM SEENAA FI - TopicsExpress



          

AS WR WB BISMILLAHI RAHMAANI RAHIIM SEENAA FI BARNOOTA DHUGAA KAN ADUNYAA FI AAKIRAALLEE !!!!!!!! DHALOOTA NABI MUHAMMADII FI WAGGAA 40 ERGAMUUN DURA kutaa 1ffaa Nabi Muhammad (s.a.w) ,caalaa rusulootaa,banii Haashim irraa magaalaa Makkaatti ,guyyaa dafinoo (isniinaa),monday,rabial awwal 9ffaa dhalatan. bara 571 A.D Haati isaanii Aamiinaan hoggaama isaan dhalatan sana nama ergitee akaakayyuu isaanii Abdulmuxxalib waamtee. innis gammachuudhaan gara ishee dhufee ,isaaniin fudhatee gara kaabaa deemee rabbiin kadhatee galatoomfate.Abdul muxxalib Muhammad jedhee moggaase. maqaa kanaan dura Araba biratti hin beekamin. haadha isaaniitti aansee namni jalqaba hoosise suheybaa jedhamti. boodarra haliimaan hoosisuuf fudhatte. isheenis waggaa lama hoosiftee waan milkiin toleefiif hanga nabiyyiin amata 4 ykn 5 gahanitti akka isaan bira turan hayyama gaafattee hayyamsiifatte. akka Anas sahiiha muslim keessatti gabaasetti, Jibiriil dhufee qoma nabiyyii baqaqsee onnee keessaa fuudhee ,dhiiga kantaraa keessaa dhangalaasee,bishaan zamzamaatiin miicee walatti deebisee bakkatti deebise. hiriyoonni isaanii fiigaa gara haliimaa dhufanii Muhammad(s.a/w) ni qalame jennaan dirmatanii fiiganii yoo dhaqan nabiyyiin homaa hin taane fuula isaaniii qofatu ifa malee. taatee kana booda,Haliimaan yaaddoftee gara haadha isaanii Aamiinaatti deebiste isaanii amata jahaa(6) Aaminaanis yaadannoo abbaa manaa ishee Abdullaah, awwaala isaa daawwachuuf gara yasrib(madinah) deemuuf murteessite. mucaa ishee nabi Muhammad(s.a.w), garbittii ishee Ummu ayman fi abbiyyuu ishee Abdulmuxxalib waliin adeemsa kiilomeetira 500n fagaate deemanii gaanii jia tokkoof erga achii turanii, gara makkaatti osoo deemaa jiranii karaatti Aaminaan dhukkubsattee bakka Abwa jedhamu makkaa fi madiinaa gidduutti lubbuun ishee dabarte............................................ kana booda nabiyyiin keenya haadhaa fi abbaa dhaban akkam tau? DHALOOTA NABI MUHAMMADII FI WAGGAA 40 ERGAMUUN DURA Allaahumma salli wasallim alaa Muhammadin Kutaa 2ffaa ……….erga haati isaanii duutee akaakayyuun isaanii Makkatti fuudhee gale. Abdulmuxxalib baay’ee isaan jaallata, tikaaf qofaa isaanii gadi hin lakkisu. Akaakayyuun isaanii kunis hoggaa nabiyyiin keenya umriin isaanii waggaa 8 ga’u lubbuun dabarte.Eegumsi nabi Muhammad (s.a.w) gara wasiila /adeera/obboleessa abbaa isaani kan ta’e Abuuxaalibitti jijjiirame.Abuuxaalibis ilma obboleessa isaanii kana ni jaallata,haalaan tajaajila.waggoota 40’f eegumsaa fi tajaajila barbaachisaa taasiseeraaf. Hoggaa nabi Muhammad(s.a.w) waggaa 12 ga’u Abuu xaalib waliin daldalaaf gara sooriyaa deeman. Hoggaa Busraa ga’an namicha Bahira (Georges),beekaa fi hordofaa kitaaba warra nasaaraa(injiil) kan ta’e tokkoon wal quunnaman.simannaa fi jaalala kanaan dura aadaa akkasii hin qabne isaaniif mul’ise.harka rasuula keenyaa (s.a.w) ‘’qabee kun sayyida nama hundaati .Allaahn ergaadhaan isa erguuf jira kan gara laafaa ilmaan namaa ta’e ‘’ jedhe. Abuu xaalibis ‘’akkamitti beekta?’’ jedheen.namtichis ‘’hoggaa isin Aaqabaa irraan as baatan mukaa fi dhakaan kabajaa isaaf jecha gadi of qaban,wan akkasii ergamootaaf malee takkaa hin godhan.ammas chaappaa ergamummaa isaa ibsu ,kan gatiittii isaanii irra jiruun, adda baase.kana nuti kitaaba(injiil) keenya keessatti beekna. Mucaa kana fuutee hin deemin gara Sooriyaa ofduuba fuudhii deebi’jedhe .yahuudaa sodaateefii.Abuu xaalibis ajaja isaa fudhatee garboota ofii waliin gara Makkaatti nabiyyii keenya kabajamaa of duuba deebise…………………………………………………………………………………………………………………………………..itti fufa Kutaa 3ffaa DHALOOTA NABI MUHAMMADII FI WAGGAA 40 ERGAMUUN DURA Allaahumma salli wasallim alaa Muhammad Ali…………nabiyyiin keenya waggaa 25 yeroo ga’an daldala khadiijaaf gara sooriyaa imalan. Akka ibnu Ishaaq gabaasanitti khadiijaan intalti kuwaayilid dubartii daldaltuu fi hawaasa biratti fudhatama guddaa qabduudha.nama daldala ishee kana sochoosuuf qacaruu barbaaddi turte.ummatni qurayish irra hedduun isaanii daldaltoota. Khadiijaan(rabbi isii irraa haa jaallatuu) yeroonama dhugaa dubbatu amanamaa,fi haala gaarii qabaachuu nabi Muhammad(s.a.w) itti himan,nama itti ergitee akka nabiyyiin keenya qarshii fudhatee daldalaa isheef gara sooriyaa deemu gaafachiiste.nabiyyiin keenyas tole jedhanii daldala isheef gara sooriyaa deeman.Isheenis kaffaltiiwarra biroo caalaa kaffalteef. Erga isaan daldala irraa gara makkaa deebi’an khadiijaanis bu’aa kan yeroo biraa caalu argatte. Warri daldalaaf nabiyyii keenya faana deemanis namni kun nama haala gaarii qabu,amanamaa fi nama fageessee yaaduudha jedhanii itti himan. Isheenis taargeetii gootee qabatte. Kanaan dura garuu namoonni bebbeekamoon bultiif ishee gaggaafachaa turanis nama tokkoof iyyuu hin hayyamne. Khadiijaanis iccitii ishee tokko hiriyaa ishee Nafiisaatti himte akka isheen hatattamaan gara nabi Muhammad(s.a.w) deemtee oduu gammachiisaa itti himtu. Nabi muhammadis yaada khadiijaa qeebalee adeera/wasiila isaatti hime akka inni dhaqee maatii khadiijaatti himuuf. …………….……………………………………………………………………………………..…………………………………………………………………………………………………………………… Itti fufa KUTAA 4 ffaa DHALOOTA NABI MUHAMMADII FI WAGGAA 40 ERGAMUUN DURA Allaahumma salli wasallim alaa Muhammad ………walii galtee gaa’elaas banii Haashim biratti walii galan. Kun kan ta’e erga rasuulli (s.a.w) sooriyaatii deebi’aniiti. Rasuulli gaala 20 kennaniif. Khadiijaan, haati mu’umintootaa, hoggaa sana waggaa 40 turte akkasuma dubartii sanyii ishee keessatti kabajamtuu fi oogummaa qabaachuun kan beekamtu turte. Haadha manaa rasuulaa ishee jalqaqbaati. Hanga isheen duututti rasuulli dubartii kan biraa hin fuune turan. Ibraahimiin malee rasuulli ijoollee isaanii mara khadiijaa irraa argatan. Ijoolleen isaaniis; Al-Qaasim,zayinab,Ruqiyyaah,Ummu Kulsum,Faaximaa fi Abdallaa(xayyibi fi xaahir jedhamee kan waamamu) turan.ilmaan isaanii dhiiraa hundi ijoollummaadhaan boqotan.Faximaa malee, ilmaan rasuulaa kan dubaraas osoo isaan jiranii boqotan. Faaximaan erga rasuulli boqotanii ji’a 6 turtee boqotte. Ilmaan isaanii dubaraa hundi isaanii iyyuu Islaamummaa fudhataniiru. Madiinattis hijraa ba’aniiru/godaananiiru..............................................................................................................................................itti fufa................... DHuma irratti Nagaa fi rahmata nabiyyii keenya irratti buusuu hin dagatinaa . Haaluma kanaan namni cuftuu barnoota waliif kennuu hin dagatinaa . yaada keessanii fi waan sirreeffamuu qabu karaa inbox na qunnamaa. kan kana isiniif qopheessee barnootaa kennaa jiru ## Siiraa Rasuulaa @@ jechuun banuu ni dandeessan barnoota gaarii kennaa jira rabbiin irraa akka jaalatu duaaii godhaaf Rabbiin yaada muraada isaaf haa guutu jenna kan kana bareechee kennaa jiruuf Amiiiiiiiiiiiiiiiiin
Posted on: Wed, 30 Oct 2013 12:52:54 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015