Anaaf taatu jedhee fira gaafa rakkoo Warra ani qabeef keessa - TopicsExpress



          

Anaaf taatu jedhee fira gaafa rakkoo Warra ani qabeef keessa onnee kooti iddoo guddaa tokko Ashamaa saba ko,qabeenya dhuunfaa ko Abdii jireenya koo kan boriif iftaanii Dagalee jiruu koo utubaa koo haraa Jaalalatu isiniif madda onnee koorra Ashamaa sabni koo,Ashamaa qaamni koo Qeeetii waa hin qabu isin qabeenyi koo Oromummaan booneen Oromoof jiraadha Isin naaf qabeenya hin sobu dhugaadha Lammii gaafa dhiphuu lammii gaafa rakkoo Warra naaf dirmattan iyya muddama koo Warra anWaaqatti aansee godhadhe abdii guddaa Ogeessa dhibee koo gaafa rakkoo hundaa Ijaan isin argu beelaus nan quufa Dhiinaan jii dhibus isintu naaf ifa Lammii gaafa dhiphuu lammii gaafa rakkoo Keessan naaf kennaatii fudhadhaa nagaa ko
Posted on: Mon, 25 Nov 2013 12:57:50 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015