As Wr Wb ikhwaanii wa akhawaatii,Barreefama armaan gadii - TopicsExpress



          

As Wr Wb ikhwaanii wa akhawaatii,Barreefama armaan gadii dubbisuu keessan dura gaafii kana deebisaa. egasii debii keeessan barrefama kana wajjiin walqabsiisaati madaalaa. Gaafii: Rabbii irraa maal arkachuu barbaaddu?(hawwiin keessan) maali? (deebin keessan tokko qofa tahuu qaba). guyyaa tokko Rasuulli(s.a.w) miimbara isaanii irraa dhaabatanii (tamanau)- hawwii(fedhii) keessan waan Rabbirraa arkachuu barbaadan maali? Mee naaf himaa Jachuun sahaboota gaafatan. Sahaboonnis harka baasuu dhan fedhii(hawwii) waan Rabbii irraa arkachuu barbaadan taraa taraan dubachuu eegalan. Sahabaan tokko akkana jae yaa ergamaa Rabbii an gama kiyyaan Rabbiin farda adii bareeda silaa naakennen barbaada....kaniin ittin gulufa jaen. Sahaaban birootis lafaa kae yaa ergamaa Rabbii; anaaf ammo Rabbiin jaartii bareedduu akka naakennun barbaada jae gattaae. Sahabaan biraatis taraa isaa egateeyaa ergamaa Rabbii an gama kiyyaan Rabbii kiyya mana jireenya bareedaa akka naakennuu barbaada jae gattae. Sahaabonni hundi tara taraan fedhii fi hawwii isaanii (kaan lafa qonnaa balloo, kaan ilmii, qabeenya, fayyaa,.......)waa barbaadan himan. Maayyi irratti sahabaan tokko lafaa kae. Sagalee isaa ol fuudhun akkana jae yaa ergamaa Rabbii; an gama kiyyaan Rabbii irraa arkachuun barbaada. guyyaa akhiraa ollaa kee(ollaa Rasuulaa) tahun barbaada jae. Yaroo kana Rasuulli(s.a.w) gamadanii ati arkadhu jaaniin. hoggaa kana sahaabonni gongomuu jalqaban, bar nutiis janata ni barbaanna... jachuu jalqaban. Ergamaan Rabbii(s.a.w) akkana jaan yaroo Rabbii gaafatan waan guddaa gaafadhaa jananni ammoo waan hunda caalaa dha. Haayaa! deebii keessan madaaltanii?? Maa shaa Allah!. Aboleeyyan Islaamaa hundi keenya fedhii qabna. Hawwii garaa garaa qabna. Hajaa adda addaa qabna. Rabbiin ammoo waan keenya hunda quba qaba. Rabbii irraa kadhanne waan dhabnu hin jiru. Rabbii keenya Qulqulleesinee hakadhannu. Yaroo kadhannu ammoo qorqoduun hin barbaachisu. Rabbiin arjaa dha! Ballinaan kadhachuu qabna. Waan guddoo gaafachuu qabna. Wanni guddoon ammoo janata. Janata irraa jalqabnee haakadhannu. Rabbiin Rahmata isaatin warra janata keessatti wal argu nu haagodhu!. Janata keenyas ollaa Nabiyyii(saw)keenya nuf haagodhu. Rabbanaa aatinaa fi dunyaa hasanatan wa fil akhirati hasanatan wa qinaa azaaba naar.Amiiin!!?
Posted on: Fri, 08 Nov 2013 19:51:56 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015