Beeksisa: Walgayiin dhaabbataan torbee Waldaya Wal-gargaarsa - TopicsExpress



          

Beeksisa: Walgayiin dhaabbataan torbee Waldaya Wal-gargaarsa Baqattoota Oromoo Biyya Masrii (WWBOBM) guyyaa boruu Sambata 26/10/2013 saaaa 05:00pm waan geggeeffamuuf miseensonni hundi akka irratti argamtan isin beesifna.Dabalataan Namoonni baatii sadan dabran keessa kaardii Boora yellow irraa gara Cuquliisa Blue tti jijjiirattanii fi namoonni dhiheenya kana kaardii boora fudhattan guyyaa boruutti fiddanii akka galmeessitan isin hubachiifna.Kana malees namoonni kaardii Miseensummaa(ID) fudhachuuf galmooftan guyyaa boruu waan kennamuuf kaardii keessan akka fudhattan isin beeksifna. Kanamalees namoonni haarofni miseensummaadhaaf galmaayuu barbaaddaanis isin keessummeessuuf qophiidha. Ajandaalee haala yerootiin walqabate hedduu irratti waan mariin geggeeffamuuf dhaamsa kana SHARE godhuudhaan akka namni hedduun argu taasisaa. Akka walitti dhiyaattaniinis ergaa kana waliif dabarsaa, wal dhageessisaa. Koree WWBOBM Onkololeessa 25, bara 2013
Posted on: Fri, 25 Oct 2013 21:18:39 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015