Dhugumaan essa qaqabee laata? Jaalalli Asaantii guyyaadha gara - TopicsExpress



          

Dhugumaan essa qaqabee laata? Jaalalli Asaantii guyyaadha gara guyyaatti natti cimaa deeme.... Ergan dhaladhee hanga har’a ga’utti rakkoon akka kanaa na muudatee hin beeku. Gidduu kana dhukkuboota qoricha dhabeef lamaan al takkatti qabameen dararamaa jira. Waggoota kurna lamaan darbaniif gateetti warra kiyyatti ba’aa ta’een dabarse. Galanni waaqaf haa ta’uti baradhee, hujii qabadhee, mana koo mala koo jechuu ergan eeglee kunoo waggaa lama guuteera. Sababa hojiitif mana kirreenfadheen magaala Adaama keessa jiraadha. Dubbiin wa’ee kiraa manaa yoo ka’u namoota baayee dursee isaan suukkanneessa. Ibsaan ni lakkaa’a dafii dhaamsi rafi; bishaan galgala malee guyyaa hin waraabiin ni lakkaa’a…lakki dubbinsaallee lakkaawamee hin dhumu-warruma kirreeffate argeefan dhiisa! Yoon kana jedhuu, anis dhukkubni koo isa kana, kanatuu dawwaa dhabee na rakkisaa jiraa jechuu barbaade miti. Galata waaqa, hanga ammaatti mana yeroo jalqabaaf kireefadhe keessa hin baane. Adde Kumeen, giiftiin mana isaani natti kireessan, baay’ee nama ulfaatoodha. Ilmi isaani hangafti Dhugumaadha. Dhugumaan, umurii isaa dargagumatti akka manaa baheetti hafe. Aadde Kumeen waa’ee isaa kaasani yoo dubbatan garaa nama nyaatu! “Tokkichi koo, dhugoon koo barnoota isaa barachaa osoo jiruuti dargiin fuudhe ibiddatti na jaala kan erge. Ibidda sana keessaa gooftan maccaa akka baaqella daanfa keessaatti naaf baase naa galche. Maal godharee gammachuun sun oole hin bulle! Fuudhi, bultii dhaabbadhu jedhee osoon kadhadhuu na dide. Bara 1992 mana bahee, eessa buuteen isaa dhabame. Haa jiratuu haa du’uu waanan beeku hin qabu. Osoo du’ee gadaammeessi dhalaa natti hima ture. Garuu ammo jiraatees hamma kana na obesee hin taa’u!” jedhu yaadan fagaatani deemani, imimaan lakkuudhaan maddii irra gad-lolaasa. Anis garaa kiyyatti, kan qeerrummaan rorroo jibbaaf manaa bahee dhiyana rasaasaa ta’ee fi alattiin nyaatame, kan qe’ee fi qabeenya isaa dhiisee osoo biyya qabuu koolu galtuu ta’e, Kan akka Aadde Kumee imimmaan isaanii bara baraan cophsaa jiraatan lakkaawwamani hin dhuman – manni haa lakkaa’u jedhee itti dhiiseen isaan jajjabessa. Dhugumaan isaanif ilama dhiira tokkicha ta’uus, ijollee durboota lama qabu. Lamaanu baratanii, hojii fi bultii qabatanii magaaluma Adaama keessa jiraatu. Abbaan warraa isaanis umurii ga’eessummaa isaanitti dargiin tarkaanfii gooli diimaa irratti fudhate. Aaddee Kumeen ilmaan isaani kophaa guddisan. Yeroo ammaa mucaa durbaa Leellisee jedhamtu kan intalti isaani deesse waliin jiraatu. Leelliseen mucaa waggaa kudhan hin caaleedha. Naannoo ani dhaladhee guddadhetti, Oromoon nama umuriidhaan isa caalu maqaa ilmaa ykn intala hangafaa Abbaa ykn Haadha jecha jedhu dura aansee ittiin waama. Kunis kabajaa nama sanaaf qaban mul’isuuf fakkaata. Anis duudha oromummaa kanaa hordofeen, Addee Kumee “Haadha Dhugumaa” jedheen waama. Haadha Dhugumaatin akka gaaritti walii galla. Akka ilmaan isaanitti malee akka alagaattillee na hin ilaalan. Buna dhaabanii ana malee yoo dhugan akka araada isaan hin baafne yeroo baay’ee natti himaniiru. Keessattu yeroo ayyaanaa waggaa akka tasa yoon ani dafee manatti galuu baadhelle nyaanii fi dhugaatiin manatti naaf ergama. Cororsaan gaafa ayyaana qillee isaan naaf laatan isa ani yeroo tiksee turee na yaadachiise. Yeroon tiksee ture sana guyyaa ayyaana Masqalaa(Garfasaa), ganama waarii loon waaree baafnee kaloo tiksinee ququubsinee wayita deebinu, okoleen qophaa’ee nu eega. Harmeen “Cororsaa”, jechuun buddeena xaafii baadu isa dhadhaan baqsaa ittti gad-cororsameen nuuf laatti! Oggum yaa mi’aasa – qaaruu keessa gorora nama cobsam jarana! Isa kana nyaannee, hiriyoonni ollaa walitti dachaanee sirba birraa “Birroolee fi Eeebookee” sirbina akkas jenne: Hoo birroolee birraan bari’ee Farda bitanna yaa ijoollee Hoo birroole…Takkan aara aarsa Hoo birroole…Hurufn haa gubatu Hoo birroole…Takkan goota faarsa Hoo birroole… Gadheen haa mufatu Hoo birroolee birraan bari’ee Farda bitanna yaa ijoollee Hoo birroole …Tumalleessa Coomsi Hoo birroole…Yoo qalachuu feetee Hoo birroole…sagalee gowwoomsi Hoo birroolee…Yoo taphachuu feete Hoo birroolee birraan bari’ee Farda bitanna yaa ijoollee Haati Dhugumaas isuma kana na yaadachiisan! Walumaagalatti, Haati dhugumaa nama gaariidha. Akka warra mana namatti kireessan kaan, karra irra taa’anii bahaafi gala eeganii dubbiin nama hin simatan. Anis amalli koo akkuma dhadhaati nama hin quuqu jechuus baadhu, tuqan malee nama hin tuqu - Abbaan of jejaa qofa naan hin jedhinaa malee! Kanumatu egaa waggaa lama guutu haadha Dhugumaa waliin na tursiise. Dubbii ijoo waa’ee dhukkubbii kooti dagadheen kan Haadha Dhugumaatin gurra isin duuche miti! Dubbichi akkana; dhukkubni koo inni duraa yaala dhabee na dararaa jiruu, yeroon itti nama qabuu fi sadarkaan dhukkubbii isaa wal haacaaluu malee dhala namaa hundumaa inuma qaba.“JAALALA!” Eeyye dhugaadha, dhukkuba kanatu yeroo dhihoo intala mana haadha Dhugumaa kireefatte takka irraa na qabatee na gubaa jira. Magaala iftuu, ija gurguddatti. Ilkaan ishee yeroo kolfitu aanan ayeetuu reefu elman fakkaata. Dhaabbiin ishee silaa waan ajaa’ibaati! Asaantii jedhamti. Godiina Harargee Baha, Aana Malkaa Bal’ootti dhalattee akka guddatte fi Yuunvarsiiti Finfinneetti muummee barnoota Afaanii barattee akka eebbiffamtee dhagaheera. Yeroo ammaa Yuunvarsiitii Adaamaatti barnoota Afaani fi Og-barruu barsiisa akka jirtu qoradhee bira gaheera. Ana silaa hiree koo ta’eet shammarran magaala, kan ija gurgguddoo irraa malee jaalalti na hin qabatu. Kanaan duras yeroon Yuunvarsiiti baradhu kanan jaaladhee Kuulaniin, akkuma Asaanti magaala ija gurguddoo kan ilkaan aananiiti. Isheenille ofumashee na jaallatte kobla baaftee naaf balali’uuf jennaan anis jaaladhe malee akka Asaantii na hin boojine. Kan nama gaddisiisu garuu jaalalli keenya hin milkoofne. Kuulanii waliin turuu kan dandeenye samisteera tokko qofaa dha. Qoruumsa waan kufteef gara maatii deebite. Erga yeroo sanati wal arginee hin beeknu. Amma kunoo shammarree carraan hujii as magaala Adaamatti walitti nu fidee kanaaf jedheen halkanii fi guyyaa akka muka qoraani gubadha jaalalan. Yaadni koo cufti waa’ee ishee qofaa erga ta’ee oolee buleera. Yeroo meeqa dhukkuba koo kana baase itti himee hobbaafachuuf jedheen sodaadhee dhiisa. Sanumaa nagaa ho’aallee walgaafannee hin beeknum jarana! Ijuma hannatiinan ishee ilaala! Silaa baay’ina xalayaa isheetti laachuuf jedhee barreesse osoo itti hin laatiin kukkutee gatuu isinitti hin himu – anuumaa fi waaqa giddutti icciti ta’ee haa hafu. Manni hujii kootu kasaare; waraqaan cicciree gatuu fi qalamnin ittiin barreessu kanuma isaaniiti- ani bitee hin beeku! Osoon dhukkuba koo isa kana dhukkubsachaa jiru kan biraa itti naa dabalame – Cabaa irratti buqqa’aa jedhu mitiiree! Akkuma barsiifata kooti hujii irraa bahee hiriyoota koo waliin xiqqoo maagala keessa waarisifadhee gara mana kootittii qajeele. Haadha Dhugumaa nagaa ho’aa gaafadheen mana koo banadhee ol seene. Mana koo amanuun dadhabe. Wantiin argu hundi abjuu natti fakkaate. Dogongoreen mana nama biraa seeneyi laata jedheen takka dhaabadhee of gaafadhe. Sireen ani ganama osoo hin afin akkuman irraa ka’etti dhiise deeme seeran afameera. Kaalsiin osoo hin miiccin akkuma argetti lafa irratti gaggate, guuramanii miiccamanii sirnaan kaa’amaniiru. Kitaabolee fi barruuleen ani dubbisee akkuma arge kaan minjaala irratti kaan ammo lafuma irratti bittineessee dhiise, sirnaan bakka isaanif male naqamaniiru. Ofirra garagalee yogguun ilaalu poostan siree koo irratti argee. Waraqaa ergaa barreefama qabu keessa baaseen muddamaan dubbisuu eegale. Barreefama xixiqqoo, jajjalataa wayiiti. “Yoomillee sin jaaladha!” jedha. Wantiin argaa jiru hundi hiibboo natti ta’e. Nama waan kana narratti dalagaa jiru tilmaamuun na rakkise. Haadha Dhugumaati jechuuf isaanoo nam-guddoo akka’oo anaf ta’uu danda’aniidha.Garuu ammo harkii isaani keessa jiraannaani malee furtuu eessaa argatanii banatanii seenan jedheen yaade. Leelliseenis mucaa xiqqoo waan akkasii ni gooti jedhamtee shakkamtu miti. Yoo Asaantii ta’e malee namni biraa waan akkasii dalaguu danda’u dallaa sana keessa hin jiru. Jaalalli Asaantii guyyaadha gara guyyaatti natti cimaa deeme. Waa’een ‘Tiyaatira’ mana koo keessatti hojjatamaa jiruus naaf galuu dideera. Asaantii ganama wayiita baatuu fi galgala wayiita isheen galtu eegee ijaan arguuf baay’een ariifadha. Ija ishee gurguddaa urjii fakkaatu fi hidhii ishee ililli birraa dhoohuuf jette fakkaatu sana ijaan osoo hin argiin oole yoon bule hirriibni na hin qabu! Yeroo tokko tokko yoo isheen Haadha Dhugumaa waliin haasoftu, itti dabalamee waliin haasa’uuf onnee dhabus, manuma taa’een dubbii ishee dhageeffadhee ittiin mirqaana. Ishee jaaladhee haa hafuu shamarran loqoda Harargee dubbatan dhaggeeffachaa osoon oole hin quufu. Hara’aas akkuma yeroo kaanii hujii oole yeroon gara manaatti galu, wanta armaan duraa mana koo keessatti raawwate ofii isaa lammeesseen arge. Isa darbe irraa wanti adda godhuu yoo jiraate, xalayaan poostadhaan osoo hin taane postikaardiidhaan naaf kaa’ame. Abaaboon qalbii namaa hawwatu kan haalluu diimaan faayyames itti idaa’ameera. “Ee dubbiin jabaatten !” n jedhe keessuma kootitti. Poostikaardicha keessaa waraqaa ergaan irratti barreefame fuudheen dubbisuu eegale. Barreeffamichi isa darbeen tokkuma,-Jajal’ataa! “Baga ayyaana Masqalaa geesse! Yoommillee sin jaaladha. Ati garuu of-jalatti ana dhiiftee gara biraa hin barbaadiin” jedha. Jechi inni “of jalatti ana dhiiftee” jedhu shakkii ani Asaantii irratti qabu daran natti cimse. Isheenis edaa ni dhokfatti malee akkuma koo jaalala kootiin gubachaa jirti jechuu dha, jedheen yaade. Nan gammades! Harkii haadha Dhugumaas keessa hin jiraatin hin hafu. Ta’ uu baannan furtuu eessaa argatti jedheen shakkii Aadde Kumee irratti qabus cimse. Dubbicha baasee himuu garuu hin barbaanne. Haaluma kanaan, dhukkuboota koo lamaanu dhukkubsachaa osoon jiruu ayyanni Irreecha dhufe. Anis dhukkuba koo isa tokkofillee ta’u qoricha barbaaduu akkan qabun murteesse. Kanaafis falli Asaantiidhaf xalayaa baga ayyaana Ireecha geese jedhu kennuudha. Isuma keessa waa’ee jalala ani isheedhaf qabuu ibsuu. Osoon hin durfamin dursee deebii eeggachuun qaba jedheen xalayaa waa’ee dhukkuba jaalala ishee, isa ani dhukkubsachaa ture ibsu barreessee, poostikaardii keessa kaa’ee qopheesse. ‘BAGA AYYAANA IRREECHA GEESSE!’ jedhee irratti katabeen ganama wayiita isheen gara hojii deemuuf kaatu geessee itti kenne. “Nagaa bultee Asantii?” jedheen nagaa gaafadhe. “Nagaya galata rabbi! ati nagayaa?” naan jette. Xaliyichaan itti hiixadhe. “Maalii inni?” naan jette nyaara gugguuraa na harkatti ilaalte. “Kennaa Irreechati!”n jedheen harkaan ittuma hiixachaa, ija koo ija ishee miidhga sana irraa osoon hin fudhatin. “Haaya Galatoomi!” jettee foolii ishee akka siddisa birraa urgooftu natti dhiiftee kennaa fi miidhagina ishee fudhattee na biraa sokkite. Anatu kutaa mana hujii koo keessa jira malee, yaadni koo Asaantii waliin gara Yuunvaarsitii Adamaa deemee jira. Barreessituu koo tasa balbala kutaa kootii rukkuttee ol seenteetu farada yaada ani yaabadhee gulufsiisaa turetti luugama qabee irraa na buuse. Yeroo xiqqoodhaaf na haasofsiisuu akka barbaaddu ija sodaatiin na mil’achaa na gaafatte. Anis tole jedheen dhaggeeffadhe. Hojii gara biraa kanfaltiidhaaniis ta’ee faayidaa adda addaatiin isa kana irra fooyee qabu akka argattee fi isa kana gad-dhiisuf akka murteessite natti himtee, xalayaa poostan cuqqaalame natti laattee baatee sokkite. Anis, “kun tarii xalayaa waa’ee waraqaa gaggeessituu fi muuxannoo ittiin gaafattu ta’aa laata jedheen yaade. “Garuu ammoo maaliif poostaadhan cuqqaaluun barbaachisee?” nan shakke. Suuta jedhee baneen dubbisuu eegale. Wantin shakke hin oolle! Barreeffamichi xalayaa kanaan dura mana kootti argaa tureen tokkuma. Qabiyyeen xalayichaas kanuma mirkaneessa. “Ani yoommillee sin jaaladha. Ati garuu duuda jaalalti siif hin galleedha” jedha mata dureen xalayicha. Kanaan dura waan mana koo keessatti ta’aa ture hunda kan raawwate akka ishee ta’e, furtuu mana kooti najalaa fudhattee fakkattii isaa akka irraa bocisiifte ibsameera xalayicha keessatti. Itti fuftees, hujii gara biraa akka hin argatin, ija koo duraa yoo faggaatte jaalalli na dhiisa jettee waan amanteef hujii dhiisuuf akka murteessite bareessiteetti. Dugdatu na cite! Furtuu mana kootii waraqaadhaan cuqqaltee “Kennaa Irreechati” jechuun irratti barreessitee xalayicha keessa keesseetti. Yeroon gara manaa galuuf ka’u yaadni koo hundi waa’ee Asaantii ta’e. Maal jedheen ija ishee keessa ol jedhee ilaala? Hammuman gara manaatti dhiyaadhu dhahannaan onnee kooti dabalaa deeme. Yoon dallaa ol seenuu namuu ala hin jiruu. Dafeen karra saaqadhee ol lixe. Siree koorraatti of darbeen dugdaan ciisee soraa manaa asii ol ilaaluu eegale. Eessaa akka dhufee osoon hin beekin yeroodhuma tokkotti yaadni hedduun na marse. Waa’ee Caaltuu; jechuun barreessituu koo ishee sababa jaalala kootiin hujii dhiiftee manatti galtee! Maal gochuun qaba? “Eeyyee mana ishee deemee gorsuun akka isheen hujiitti deebitu gochuun qaba jedheen yaade. Garuu ammo, “yoo ati jaalala kootif deebii lattu malee hin ta’u jettee didde hoo?” Kunis waanuma hin taanen jedhe. Takkatuu ammoo waa’ee Asaantii; safuu kee yaa goofta maccaa! yoona maal jetti laata? Osoon ani ciisee yaada sammu koo keessatti kora taa’a jiru keessumeessu balblti rukutame. Naasuun yoo qaama koo wareeru natti dhagaahame! Utaaleen ka’ee bane, “Hi boo guyyumaan rafuutti kaatee saa?” Asaantii dha! Amanuun dadhabe, wantan deebisuu walaaleen yeroodhaaf afaan na hidhame. “La..laa..lakkiii.. hin rafnelleedha, hujiidhaa galee dadhabnaan xiqqoo ishee boqachuuf jedheen malee” sagalee hool’ataa fi sodaa of keessaa qabuun deebiseef. “Se.. seeni ka!”n jedheen itti fufee. “Hin seenu nin jarjara, obolleeysi kiyya amman tana silkii nadhawee! Ciroo irra dhufee as Adaama jira, Isaan fiduuf deema. Bori Ayyaana irreecha deemuuf har’aa na bira bula ” naan jette duubbi ishee gurra namaa hawwatu sanaan. “Baay’ee nama gammachiisa atiis waliin deemta kaa?” nan gaafadhe. “Haay way gaaffii qabasaa! Ati ni deemta moo akkam?” nan jette. “Eeyyee nin deema, irreecha irraa ooluun way taati”n jedheen sagalee gammachuun guutamteen. “Haaya taate, walumaan deemna. Jedhi amma kana caala turuu hin dandayuu, atiis baga geeyse!” jettee waan waraqaa kennaatiin cuqqaalame natti laattee baate kutte. Miirri gammachuu keessa kootti guute! sabboonummaan na wareere!. Wanta isheen natti laatte saaqee ilaaluuf hin jarjarre, kennaa bara baraa kan naaf taatu Asaantii argachuu kootu na boonse. Suuta jedhee taa’een kennaa ishee bane ilaale. Kitaaba seena qabeessa kan Asmaroom Laggasaati ‘Oromo Democracy’ jedha mata dureen isaa. “Of ta’uun nama guddisa malee nama hin xiqqeessu!” jedha barreeffamni isheen keessaan irratti maxxansite. Dhukkuboonni mana koo keessaa lamaanu kennaa irreechatiin furmaata argatan. ——Ayyaana Irreecha 2013 Baga Geessaan!——-
Posted on: Tue, 24 Sep 2013 21:06:57 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015