ERGAA ARIIFACHIISAA ...... Wamicha lamummaa? Ilmaan Oromoo - TopicsExpress



          

ERGAA ARIIFACHIISAA ...... Wamicha lamummaa? Ilmaan Oromoo biyyaa Awropaa fii Ameerikaa kan jiraattan, akkasuma kan Australia jiraattan hundii keesanuu ,kanneen carraa jiraachuu argattanii ,kan carraa argattanii mirgi namummaa keesan isaniif eeggamee jirru dirqama lammummaa kan Oromummaa akka baatan marii hatattamaa roorroo Obboleeyan kanneen Gabrummaa warra Itoophiyaa jalaa baqatanii lubbuu ofii baafachuufi biyya Saudi Arabiyaa, Masrii, South Africa , Kenyaa, Djaboutii, Somaliland, Yemen jiraatanratti yeroo adda addaa rakkoon irraatti argamtee jirtuu tana Embasii biyyootaa kanaa kan akkaa Saudii Arabia, Kenyaa, Masrii kan biyyoota isan keeysatti argamtan duratti hiriira bahuun balaaleyfachuu fii lubbuu ilmaan Oromoo kan isaan jalatti baqatanii osoo jiranii ajjeechaa fii roorroo Nama suukanneeysitu Tana akka irraa gaafatamuu jiraatanii fii, haala fokkataa bineensummaa kana ilmaan Oromoorraa akka dhaaban gaafachuun dirqama lammummaa Oromoo waan taheef Communitiin Oromoo biyyaa alaa Jiraatan hundii akka hiriira akkasii qopheeysanii mootummaa keesa jiraatan san gaafatan , Oromoon Itoophiyaa miti ! Oromoon Biyyiti isaatii fii lammiin isaatiis Oromiyaa dha! nuu rakkoo qabnaa ,mirgii baqatummaa haa eegamuufii jettanii, rakkoo teenyaa nuuf baraa jechuudhaan akka namaa keenna biyyaatti hindeebifneefi ammaas mirgii isaani akka eegaman.jettanii Baqattootaa Oromootif yoo dirmattan Kabajaan Isan Gaafannaa. IUOf Oromiyaan Ni Bilisoomtii 11/11/2013
Posted on: Mon, 11 Nov 2013 12:59:41 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015