HIN DAGATIN ilma namaa amalli isaa lama tokko qabaataa tokko - TopicsExpress



          

HIN DAGATIN ilma namaa amalli isaa lama tokko qabaataa tokko dhabaataa gariin sidhiyaataa gariin si baqataa tokko sitti gadda tokko siin gammada yeroo tokko olsifuudha yoo fedhe immoo gadisifuudha si eebbisa sigargaara yookaan immoo si abaara asumattuu fira keeti asumattuu diina keeti sima faarsa sijaalata sihamata foon kee nyaata gaafa duraa ol sikaaba yoo iyyatte sidhaqqaba sigargaara of sii qaba jaalala keetiif caccaba guyyaa lamuu sima jibba yoo si argu of dadhaba garaacha isaattu quuncaya sammuu isaattu madaaya ni gubata ni ciincaya of ciniinaa of dhadhayaa siin haasayuu yoo sodaate ni guungumaa sicinaa dhaabbatee waan arge hafarsaa meeshaa cabsaa akka oromoon jette sanii gursummettii hin baasanii akkuma baatu godhanii mammaakanii nutti himanii deddeebitee hin rakasin achiin baddees sin dagatin nama ta`i of hin gatin hanga bu`u kankee gatiin teettee hin eegin hin dagatin(2x) =-A/NASIR TUFA
Posted on: Wed, 11 Sep 2013 14:19:59 +0000

Trending Topics



v>

Recently Viewed Topics




© 2015