Haacaaluu Hundessaa (The Icon Of Oromo,Oromia) Jidduu kana warri - TopicsExpress



          

Haacaaluu Hundessaa (The Icon Of Oromo,Oromia) Jidduu kana warri Oromoo jibbuufi Oromoon of jibbitu waca abaarsaa nutti xiichaa jiru. Jara kanaaf deebii Oromtichi ofittis sabasaatinis boonu kenne kana isiniif dhiheessina. Madaa kootu hin Qooru!!! Ni aarta, daftee mufatta jedhanii natti himuu Namticha aartu sana jedhanis na waamu Inni dafee aara obesee hin dabarfatu Yaada isaa tasgabbiin danda’ee hin ibsatu Jedhu ana duubas baayee na hamatu Dallansuun fira kee kolfi alagaa kee Aariin kee baay’atee obsii kee maa xiqqaate Jedhee natti siqee namuu na hin gaafatu Dallansuu koo faarsu isaan na hamatu Aari koo leellisuu foon koo na ciratu! Madaa wayii beektu madaa kan mogolee Kan nama hin teessifne diriirfatan malee Kan nama hin deemsifne yoo tiratan malee Madaa kanan qaba Abbaa koorraan dhaale Innis natti himeera Akaakan akka eegale Tarii fayyaa jedheen madaa koon kunuunsa Qorchaa barbaaduuf oggeessaan dubbisa Suutan tarkaanfadhaa obseetan gubaasa Innii fayyuu didee daranuu kulkula Ni qooraa yoon jedhe itti hammaate bula Yookiin summiin isaa garatti dacha’ee na fudhatee hin darbu Yookiin madaa fayyee fayyaa isan hawwu ija koon hin argu Ni aara naan jedhu obsee hin dabarfatu Madaa koo kanatti falaxaa itti horfu Isan an sossobee kunuunse kunuunsee qoorsu Isaan guyyaa guyyaan na jalaa boochisu Miirri dhukkubbii isaa qaama koo bobeessaa Muddaa mudhiin isaa na dhoweera deemsa Madaa kootu hin qooru maafan aaruu dhiisa ………………………………………… Tasfayee B. Birmajii Ebla 16, 2013 Bonn, Germany
Posted on: Thu, 14 Nov 2013 08:02:15 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015