Sirna Gadaa Qomoo Maccaa Dr Darajjee Dhugaasaatiin Mariin dhimma - TopicsExpress



          

Sirna Gadaa Qomoo Maccaa Dr Darajjee Dhugaasaatiin Mariin dhimma sirna gadaa uummata Oromo ilaalu marsaa kanarratti torbii hedduuf deemaa jira. Oromoon ummata guddaa kan qomoo, lammii, warra akkasumas balbala (mana) hedduu qabudha. Torbiiwwan darban sirna Gadaa qomoo Booranaa fi Tuulamaa irratti marhanne. Har’a , sirna Gadaa qomoo Maccaa ilaalchisee seensa yaada hamman “argee dhagaye” mana kanaaf akkan dhiyeessu carraa naa laatameef hedduu galatoomaa. Har’a, qomoon Maccaa, qomoo Oromoo jiran keessaa guddaa fi lafaa baldhaa irra qubatee kan jirudha. Ani sirna Gadaa keessa hin darbine, garuu carraan argadheen maangudoorraa waanan dhagahee fi hubadhen ibsa. Guddinaa fi baldhina qomoon Maccaa qabu ammoo kanuman xinnoo maanguddoorraa qayyabadhe, sanayyuu akka hanqina godhatu taasisa. Kanaaf waanan ani sinii himu kun waan qomoon Maccaa guutuutti qabu kan ibsu akka hin taane hubachuun waan isin rakkisu natti hin fakkaatu. Waa’ee Gadaa Maccaa ibsuu dura, sirni Gadaa eessatti dhalatee guddate akkasumas haala keessa darbee asi gahe, maal argite? waan dhageesse jiraa? Kan jedhuu fi waan kana kana fakkaatan, gaaffiilee kaafne marihannee irra natti tola ture. Haa tahu ammoo ani qomoo Maccaa irraan dhaladhe. Karra haadhakoo lamaan warra Keekkuu, karaa abbaakoo saddeettan warra Waayyuu ti. Sirna Gadaa naannoo garaagaraa yeroo marii goone, talacoowwan yaada seensa marii keenyaa nuu dhiyeessan, hundinuu waanuma dhageessanii fi hubattan akka isinitti fakkaatetti nuu dhiyeessitan; kanas hedduun itti gammade. Torbii darbee, gammachuu kana sagaleen ibsachuuf faaggaa (meeshaa sagalee waliin dubbannaa kan toora marii GWA-paltalk) kootu na didee, na ofkolshaa! “Waan ormaa duukaa otoo fiignuu kan keenya dagannee laata? jettee” Dr. Kuween, torbii darbe marii goone irratti; dubbii kanaanis hedduu garaa na raafte. Waantoti nuti, Oromoonni, qabnu hedduudha; dhuguma. Waanan an har’a siniif himuuf deemu, isiniif haaraa ta’u dhiisuu ni mala. Waanan sinii himu kun, gaaffiilee sammuu keessaa na jiraniif deebii tahaa laata jedhee kanan yaadaa ture akka tahe naaf beekaa! Gaaffiin koo yoo keessanis tahe achumaanis deebii argattan hedduun itti gammada. Yoommoo gaaffiiin gaaffii dabale, walumaan deebisanii barbaanna. . Yeroo hedduu hoo katabamuu fi afaaniin hasahamu Macca Gadaa hin beeku; Gadaa gateera. Gadaan jirus ammoo jiruu fi jireenya hawaasaaf bu’aa waan buusee fi waa buusaa akka hin jirretti himama. Kanaaf gaaffiin na kaase isin waliin mariin gochuu fedhu yoo jiraate, qomoon Maccaa Gadaa qabaa, yookaan beekaa? Yoo qabaate Sirna Gadaa kana akkamitti ijaarrate? Qomoon Maccaa eyyee Gadaa qaba; ni beekas. Sirni Gadaa, sirna walqixxummaati jenna. Gadaan walqixxummaa kun eenyuuf dhaabbata? yoo jenne, deebiin gaaffii kanaa kan miseensa hawaasaati kan jedhu taha. Miseensi hawaasaa kun garuu garaagarummaa hedduu qaba: garaagarummaa saalaa – dubartii fi dhiira, garaagarummaa umurii – ijoollee, dargaggoo, gameessotaa fi manguddoota, akkasumas garaagarummaa naannoo akkaataa itti qubatani. Sirni Gadaa garaagarummaa jiran kana madaalee, akkaataa walqixummaa miseensa hawaasa Oromoo guutummaatti hojirraa olchaa ture bu’uura fi utubaa jiruu fi jireenya uummata oromoo ture. Qomoon Maccaa akkaataa gadaa ijaarratee ittiin bulaa tures, kanuma nuu addeessa. Akka hubannoo kootti garaagarummaa miseensi hawaasa qaban akkatti sirni Gadaa keessumsiisaa ture mee haa ilaallu. Garaagarummaa saalaa miseensonni hawaasaa qabaniif – Gadaa fi Siiqqeetu jiru. Gadaan Siiqqee malee hanqee guddaa qaba. Gadaa fi Siiqqeen qaama tokko. Isa kan siiqqee Dr. Kuwee irraa hawwiin eegaachaan jira; keessattuu seenaa Addooyyee. Garaagarummaa umurii Garaagarummaa umurii jiraniif- kan dhiiraa keessatti – jechuun Gadaa jalatti. 0-8 Birmajii Ittimakoo 9-16 Horata Dabballee 17-24 Michilee Foollee 25-32 Duuloo Qondaala 33-40 Roobalee Luba 41-48 Yuba 49-56 Jaarsa 57-oli gadamoojjii Namni Gadaa tokko keessa dhalate hiriyaa taha. Hiriyaan, umuriin isaanii ganna saddeet walgatuun ni mala. Kanaaf, hiriyaan “Gadaa eenyuu keessa dhalatte? Meeqa gubde?” jedhanii wal-qoratu. Gaaffiin kun lamaan uumurii ilma oromoo tokko addeessu. Isa bira darbees, safuu isaan eeggatanii fi qooda isaan jiruu fi jireenya miseensa hawaasa keessatti qaban ittiin walqoratu. Qooda hiriyaan qabdu yeroo sirba gadaa keessatti ibsan. Sirba gaafa salgan Cuuphannaa sirbamu - Salgan cuuphannaa kan jedhu kana boodan itti deebi’a. Itti makoo yaa birmajii michuu majii Sirba hin beektuu, kan kee mooji Yaa Horataa Dabballeenoo maaf foolataa? Gaammee fillaan uf se’e goota? Yaa Michillee haa sirbu foollee Safuu hin beekuu uumaa hin wallaalle Duuloon qondaala duuletu lola Daabee luleesee faachaan utaala Yaa Roobalee, faana roobaa Seera Tumee kan labsu – Luba Yuuba raage, makmaaksaan gorsaa Safuu waaqaan eebbisu Jaarsa Yaa gadamoojjii, hooda raajii Seenaa buleen dhaha urjii Foolleen sirba, bara gadaa Safuu hin qabu, jecha hoodaa Ani hin jenne gadaatu jedhee Gadaa malbaa ilmaa fi abbaa Haa ofkalan sirbi gurbaa! Garaagarummaa qubata naannoo Garaagarummaa qubata naannoo jiraniif uummanni Oromoo – odaa ijaarratee jira. Taliiga odaan ittiin ijaarame xiinxaluun, walumaa galatti akkaataa jiruu fi jireenya uummata oromoo hubachuuf murteessadha. Odaan har’a bakka seerrri itti tumamee labsamu qofaatti ilaalla. Odaan akkamittiin ijaarame, gaaffiin jedhu garuu deebii gahaa tahe waan qabu natti hin fakkaatu. Odaaleen jiran gadfageenyaan otoo qoratamanii seenaa akkaataa hawaasni Oromoo naannoo garagaraatti uf ijaaree jiraachaa turee fi riqaa wal-quunnamtii isaanii baruuf nu gargaara jedheen amana. Kanaaf mee odaa jiru jedhaman haa hubannu. Biyyaa Oromoo guutuu keessatti – ani yeroo dheeraaf kanan gurraa qabu odaa jahaa. Isaanis, akkuma beektan, Odaa Roobaa, Odaa Nabee, Odaa Bisil, Odaa Gaarrees, Odaa Makoodii fi Odaa Bultum. Warri har’a angoo qabatanii jiran, odaan Oromoo shan jedhu, Odaa Roobaa, Odaa Nabee, Odaa Bisil, Odaa Bulluqii fi Odaa Bultum. Maanguddoon -Haajii Mormor Abbaa Seenaa jedhaman –fakkeenyaaf – seenaa afoolaan jiru himan yeroon dhageeffadhu, odaan Oromoo sagal jedhu. Dabalaanis, odaa shanitti seeratu tumame, afuritti ammoo seerrri itti eebbifame, jedhu. Warra seerri itti tumame, hoo himan: Odaa Roobaa, Odaa Nabee, Odaa Bisil, Odaa Hullee, fi Odaa Bultum. Warra seerri itti ebbifame otoon dhagahee bayeessa ture garuu hin himne. youtube/watch?v=5iYUzfFp0EM Kanaas tahe sana garaagarummaa qubata Oromoon qabu keessumsiisuuf, Oromoon Odaa uummatee akka jiru mamiin hin jiru. Odaan kun bakkuma miseensi LUBA gadaa itti wal-gahee seera tumee labsuudha. Kunis mamii hinqabu. Dabalees akka yaada kootti Odaan akkaataa uummanni oromoo hawaasa isaa naannoo naannootti ijaarratee ittiin wal-quunnamee jiruu fi jireenya isaa gaggeeffachaa ture ibsa. Uummanni kun akka baayyataa guddachaa deemu, taliiga hawaasummaas akkuma sanatti baldhifachaa, Odaan damee horachaa deemuun hin oolu. Odaan Oromoo yeroo ijaaraman, hundinuu bara tokko keessa kan ijaraman otoo hin ta’iin odaa tokko irraa, dameetu latee odaa of dandahe ta’aa, deemaa har’a gahe. Odaan angafaa odaa Roobaati jedhu. Dameen odaa Roobaa tokko moo lama, sadiimoo afuri, ani hin beeku. Maalumaafuu, Odaan Nabee damee odaa Roobaa ta’uun hin oolu. Amma lakkoofsa warra faranjiitti, bara 1558-59 Qomoon Maccaa fi Tuulama waliin odaa Nabeetti seera tumee labsachaa turan, kan jedhu seenaan barreeffamaan jiru nu mirkaneessa. Isa booda qomoon Maccaa uf dandahee, odaa Odaa Bisil ijaarrate, jedhama. Odaan Bisil – ijoolleen Maccaa hundi yeroo ammaa kana quunnamtiin isaanii odaa bisil qofaadha moo, odaa biroon jiru jenne gaafachuu qabna. Odaan kaanoo damee hin horree? Mee odaa naannoo Macci qubatee jiruu haa laallu. - Seenaa yeroo afoolaanis tahe katabbee irraa qayyabannu, Odaan Bisil Laga Gibee, Biloo fi Geedoo jedhaman jidduutti ijaarame jedhu. Bakki kun tulluun marsamee jira jedhu. Odaan Bisil-maqaa nama naannoo sana qabiyyee isaa taheen moggaafame. Namni kun Bisil Osolee jedhama jedhu. Bakki odaa bisil kun har’a magaala Shanan ta’innaa laata?. Shanan kan jedhu, shanan Maccaa irraa fudhachuun isaanii hin oolu. Shanan Maccaa kun eenyu isaan hoo jennee qorannu: Liiban, Jaawwii, Guduru, Daallee (Daadhii) fi Jidda. Qomoon Maccaa guddatee, ijoolle-ijoolle horee, fagaatee yeroo qubatu, Odaa hedduu uummate. Dhugaan kun keettoo bulchiinsa abashaan acuucamee dhokate malee. Dhugaa kana ifa baasuun, hujii hegereef qorannaa guddaa waan barbaadudha. Ijoolleen Maccaa shanan eenyuun horan hoo jettan. Sadan Liiban – Ammayya, Waliso fi Kuttaaye. Jahan Jaawwii – Amuuru, Horro, Jimma, Ebantuu, Libaan fi Jidda. Torban Guduruu – Maloolee, Aammillee, Illaamuu, Lukkuu, Sirbaa fi Hndaraasa. Torban Daallee (Daadhii) Obo, Sayyo, Sibuu, Tummee, Limmu, Noonnoo fi Daanno. Arfan Jiddaa – Akaako, Jimma, Sadaacha fi Badii. Hogganaan Odaa Bisil hogganaa ture, akka seenaan nuuf addeessutti Makoo Bilii jedhama. Makkoo Bilii seera hedduu tume jedhamee beekama. Fakkeenyaaf, Oromoon otoo balbala torba hin darbiin akka wal-hinfuune seera kan tume isa jedhu. Amma yeroo sanaati balbala kudhan ture jedhanii warri dubbatan maanguddoon ni jiru. Barreessitoonni tokko tokko akka Makkoo Bilii, sirna gadaa uumeetti kan katabaniile ni jiru. Yeroo hawaasni guddatee odaa Bisil gaddisee deemu, Odaa Bisiliti kan hafe, shanan Maccaa keessaa hortee hangafa qofa. Hangafti Maccaa Liiban ture. Sana jechuun hortee sadan Liibantu qeyyetti hafe. Isaanis Jahaan Ammayya, Arfan Walisoo, Torban kuttaayee Hangafti Jahan Ammayyaa Billii jedhama. Feetu Makkoon ilma Bilii – Ammayyaa -Liiban – Maccaa tahaa laata kan jedhu gaaffii nan qaba. Kun seenaa qoratamuu qabu. Arfan Maccaa hafan godaananii fagaatanii damee odaa Bisil ijaarratanii seera tumatanii ittiin jiraachaa turan. Har’a naannoo qomoon maccaa qubatee jiru odaa bisil dabalatee maqaa aniyyuu beeku odaa shanan : Isaanis Odaa Bisil, Odaa Hullee, Odaa Doogii, Odaa Bulluq fi Odaa Gudayyaa (Odaa Mandiidaa Waaqoo jedhama). Kanaa alas, Bokkuu Cittuu fi Bokkuu Xulee, kan jedhaman naannoo ijoolleen torban Kuttaayee qubatanii jiran ni jiru. Isaan kunis Odaa mataa isaanii uf dandahan tahu natti fakkaata. Odaan naannoo qomoo Maccaa qubatee jiru, isaan kana wajjin torba ta’u jechuudha. Goojjam keessaa amma Matakkal fi Walbaraatti Oromoon qubatanii jirani ammoo feetu odaa mataa isaanii qabu ta’a. Kitaabni tokko kan Prof. Tsega Etefa katabe – Integration and Peace in East Africa - A History of the Oromo Nation, kan jedhu – manni maxxansaa – Palgrave Macmillan baatii Ebla kana keessa, baasee jira. Kitaabni kun, seenaa uummata Oromoo bara 1704 -1882 irratti xiyyeeffata jechuunan dubbise. Akkan hubadheetti miseensi hawaasa Oromoo Goojjam jiran Odaa qabaachuun isaanii hin oolu. Isa akkasumatti bira darbeen, mee Odaawwan maqaa sinii dhahe akkamiin akka damee Odaa Bisil tahanii ijaaraman haa ilaallu. Odaawwan Damee Bisil Odaa Hullee Odaan Hullee Jimma keessaa naannoo Oomoo Naaddaa jedhamutti argama. Odaan kun miseensa hawaasaa hidda Maccaa keessaa warra Akaakoo Jiddaa jedhamaniin ijaarame jedhu, maanguddoonni. Warri odaa Hulleetti wal-gahaa turan, eenyu yoo jettan. Sadan Laaloo shanan Sadachaa Sadan Badii Sadan Qoree Sadan Harsuu Torban Biloo Shanan Diggoo jedhamanii beekamu. 2. Odaa Doogii Odaa Doogii-naannoo Iluu Abbaa Booraa ganda wiixatee Haroo jedhamu keessa kan jiru. Odaan kunimmoo hidda maccaa warra odaa bisil gadhiisanii godaanan keessaa latiinsa hidda Daallee Maccaan ijaarame. Kanneen Odaa kanatti walgahaa turan warra Tumee- Daallee Maccaati jedhu, Isaanis: Salgan Iluu Jahan Noonnoo Saddettan Cooraa Lamaan Suphee Lamaan Dooran Arfan Mattuu Shanan Hurrumuu Torban Buunnoo Lamaan Buree -Sagalee salganii kan mataan afurtamii shanii jedhamanii beekamu. 3. Odaa Bulluq Odaa Bulluq – Horro keessatti argama jedhu inni kun hidda torban Guduruu Maccaan ijaaramuun hin oolu. Isa kana maqaa isaa malee eenyufaatu achitti seera tumachaa akka turan ragaa argachuu hin dandeenye. Kun qorannoo barbaada. 4. Odaa Gudayyaa – yookaanimmoo Odaa Mandiidaa Waaqoo Odaan Gudayyaa – hidda ijoollee Jaawwii Maccaan ijaarame. An bakka odaan kun jiruttan dhaladhee guddadhe. Gadaa yeroo bulchatan yeroo laman arge. Hiddi Jaawwii Maccaa odaa kanatti seera tumatan: Salgan Gudayyaa Sadan Abboonnoo Lamaan Keekkuu Sadan Biloo Arfan Ariyaa Torban Abbayyii Saddettan Waayyuu Shanan Jimmaa Arfan Jaawwii Odaan kaanis jiraachuun isaanii ni mala. Ijoolleen Liiban – naannoo isaanitti odaa ijaarrachuun isaanii mamii hin qabu. Warri hidda Ammayyaa, Kuttaayee fi Walisoo macca himatan waan kana mee qoradhaa nuuf himaa. Ijoolleen Daallee hedduu dagaagaanii jiru. Isaan kunis naannoo Sibu, Leeqaa, Sayyoo qubatanii jiranitti odaan ijaaramuun waan hin oolle. Kunis qorannoo guddaa barbaada. Kana akkasitti bira darbeen, mee ammoo akkamiin akka balballii fi warri hoogganoota isaanii filanii odaatti ergatan, akkaataa abbaan bokkuu itti muudamu akka fakkeenyaatti odaa tokko fudhannee haa ilaallu. Shanan Cuuphannaa, salgan cuuphannaa fi filannoo Abbaa Bokkuu Odaan an akka fakkeenyaatti sinii dhiyeessuu barbaadu, odaa Gudayyaati. Odaa kana maaf filatte naan jechuun keessan ni mala. Odaa kanatti akkaataa gadaa bulfatan yeroo tokko irratti argamee argeera, yeroo ijoollummaakoo – bara 6382 akka lakkoofsa Oromootti -1972 akka lakoofsa faranjiitti. Yeroo bulchiisni abashaa naannoo sanatti diriirfamu, akaaaayyuun koo jechuun abbaan haadha koo– Goshee Alabee – warra Keekkuu keessaa Abbaa Bokkuu filamee hoogganaa ture. Yeroodhuma sana, karaa abbaa koo ammoo – warra Waayyuu keessaa akaakayyuun koo Goobanaa Gondol – qaalluu tahee itti eebbise Shanan Cuuphannaa Odaa gudayyaa kanatti miseensi hawaasaa hoogganoota isaa filee seera akka tumaanii labsaniif ergata. Filannoo lamatu taha. Inni tokko filannoo hoogganoota warra bakka bu’ani, warra warraan filattu: Warri Biloo akka Bilootti, warri Jimmaa akka Jimmaatti, warri Abboonnoo akka Abboonnotti, warri Gudayyaa akka Gudayyaatti, warri Ariyaa akka Ariyaatti, warri Keekkuu akka Keekkuutti. Filannoon kun shanan cuuphannaa jedhama. Warri hundi balbala (mana) qabu. Shanan cuuphannaa kanaa dura, balballi warra hundi galma deemaniitu hooda hooddatu. Gaafa shanan cuuphannaa kana balbaalli warra warraan caffeetti walitti dhufu. Warri hoogganuuf deeman kun bulloon, garmaamanii, waan keessa darban seenaa balbala isaanii himatu. Hooda dhaqanii waan hooddatan dhaaddatu. Harka fardeen saanii caffee cuuphanii, ufirra garagalanii tarree galanii dhaabbatanii wal-eebbisu. Caffee kanatti – jaarsaa fi gadamoojjiin dhibaayyuu dhibaafatanii balbala hundaa eebbisu. Balbala balbalatti akka Lubatti kan warra sana bakka bu’ee seera tumuuf deemu eebbisu. Isa booda balballi hundi qeyetti deebi’anii korma qalu– kun Buttaa qaluu jedhamuun beekama. Erga Buttaa kana qalanii booda, meedhicha kaawwatanii ulmaa bultii sagal ciisu. Sana jechuun manaa hin bahani, firri, aantee fi lammiin mana namoota kanaa mijuu qabatee deemee nyaate dhugee isaan eebbisu. Ulmaa ciisanii erga ka’anii booda warri buttaa qalan kun Odaa waltajjii tahetti salgan cuuphannaa ayyaana jedhamuuf wal-argu. Salgaan Cuuphannaa Bakka salgan cuuphannaa kana warra hiddaan walirraa fagoo tahan (jechuun balbala torba darbanii wal-fuudhuu dandahan), garuu qubannaa naannoon wal-daangessanii jiraatantu walitti dhufa. Naannoo wal-dhaangessu biratti warra kana kan walitti hidhu biraan galma qaalluutti. Isa keessa yoon seene taliiga galma qaalluu uummata oromoo xiinxaluuf nu dirqa. Innimmoo baldhaadha. Kanaaf, isa yeroo biraa yoo itti deebine ilaalle wayya. Mee itti aanee salgan cuuphannaa haa ilaallu. Salgan cuuphannaa irratti kan argaman, warra shanan cuuphannaa irraa dhufan tahu. Lakkoofsi salgan cuuphannaa kana irratti argaman, balbala guddina warra shanan cuuphannaa irraa dhufaniratti rarra’a. Warri hundi lakkoofsa balbalaa qabaniin hooggana isaanii ergatu. Isaan kun warra kan bakka bu’anii, seera yeroo abbaan bokkuu labsu taa’anii dhaggeeffatanii, fudhachuu isaanii warra mirkaneessu. Bakka sanatti kan bahan garuu hedduudha Salgan Gudayyaa Sadan Abboonnoo Lamaan Keekkuu Sadan Biloo Arfan Ariyaa Torban Abbayyii Saddettan Waayyuu Shanan Jimmaa Arfan Jaawwii Hoogganoonni kun Luba jedhamu. Luba 45 shantu Yaa’ii seera abbaa bokkuu sana dhagahee fudhachuu isaanii mirkaneesu. Yaa’iin kun, ejersa shan walitti tutee jiru jalatti taha. Ejersi kun odaa dullachi itti qalamu irraa gara tarkaanfii sangaa deebii sagalii fagaatee jira – ejersa yaa’ii Jimmaa jedhama. Mee akkaataa dullachi qalame odaan muudame hoogganoonni eebbifaman ittan deebi’a. Mee isa dura filannoo isa lammataa haa ilaallu. Filannoon kun kan abbaa bokkuuti. Filannoo abbaa bokkuu: Filannoon abbaa bokkuu, safuu seera uumaa fi uumamaan taha. Abbaan bokkuu, balbala kamiyyuu filamuu dandaha. Garuu naamusa eegamuu qabuutu jira jedhu, akkan dhagahetti, waa sadiin murtaaha. 1-faa – nama cubbuun mana isaa hin seenne – kan ijoollee duudaan jalaa hin duune, kan haati warraa jalaa hin duune, kan hortee isaa gollobaan hin dhorre. 2-faa- kan waaqni nagaa hin gaafanne – kan bakakkaan lafa isaarratti, qeye isaatti hin buune, burqaa isaaarratti, malkaa isaaratti kan hin buune, 3-ffa – ilaalcha jaalalaa fi kabajaa inni miseensa hawaasaa balbala isaa bira darbee naannoo warri garaagaraa jiraatan keessatti qabu – kan harkatu deema jedhamee hin hamatamne, kan daandii dhugaarraa dabe jedhame hin komatamne. Kan sadan kanaan madaalametu Abbaa Bokkuu – salgan cuuphannaa kana dura – shanachaan kaadhimama. Shanacha jechuun kun eenyu jechuun keessan hin oolu. Isaan hayyuu shan, warra tuqaa kana sadaniratti hundaahanii marii fi xinxalaan, abbaa bokkuu kaadhimmatan, maanguddoota sirna gadaa keessa darban, akkasumas, hayyuu naamusa galma qaalluu naannoo ta’anii warra ayyaana baataniifillee qajeelfama kennaniidha. Hayyuun kun seeraa fi heera galma qaalluu fi sirna gadaa walitti hidhu, warra naamusa isaaf qajeelfama kennaniidha. Abbaan Bokkuu – yeroo kaadhimamu, seeraa fi heera qaba. Safuu mataasaa qaba. Kun waan gadfageenyaan beekamu amma har’aatti hin jiru. Waan hedduun gaadiin qabameetu jira. Gaadiin kun Galma Qaalluu keessatti qabamee jira. Abbaan Bokkuu – Gadaa darbee miseensa shanacha kanaati. Gaafa salgan cuuphannaa kana kan abbaa bokkuu isa dhufuu ifa baasu isa. Amma guyyaa kanaatti eenyu akka tahe hoo beekamelle abalu jedhamee irraa hin dubbatamu. Adeemsa salgan suuphannaa Salgan cuuphannaan kun akkatti deemu qaba. Kunis Odaa jalatti, dullacha diimaa, gaafa baajiitu qalama. Kan morma kutu Abba bokkuu kan aangoo irra jiru, kan aangoo dabarsuuf deemudha. Kan mataa qabu – abbaa bokkuuf kaadhimame. Dullachi qalmaaf yeroo dhiyaatu, namoota warra bakka bu’anii achiitti dhiyaatan keessaa nama tokko tokkotu tarree galee dhaabbata. Jarreen kun hundi warra tuqaa sadan abbaa bokkuu ta’uuf isaan dandeessisu guutan fakkaatu. Isaan keessaa garuu nama tokko qofaatu guuta. Otoo dullachi hin kufiin ni eebbisu. Nama shantu eebbisa. Qaalluu fi raagdota warra shanachaa abbaa bokkuu kaadhimatan sana keessaa afur hagafaa fi qixusummaa eeggatanii eebbisu. Hangafummaan warra odaa sanatti dhufan keessaa wal-qoratu. Odaa Waaqoo Mandiidaatti Waayyuun (Qaalluu) -Gudayyaa-Abbayyii-Abboonnoo-Jimma dhumarratti Keekkuutu eebbisa. Eebba akkatti eebbisan dhumarrattin itti deebi’a. Dullachi erga kufee booda, warra dhaabbatan sana keessaa tokko mataa qaba. Isa booda deemee abba bokkuu isa durii cinaa dhaabbata. Dhiiga dullacha sanaa qeensaniitu, godoo balbala hin qabne, kan hundee odaa sanaatti marfamee ijaaramee, daggalaan kabamee jirutti muudu. Eenyu godoo kana akka ijaaruu fi kabu, maaltu akka achi keessa jiru hundi gaadiidha. Haa ta’uyyuu malee akkan dhagahetti godoo sana keessa Waaqaa buuteetu jira jedhu. Waaqaa buutee kan jedhamtu kun yoom akka godoo sana keessa lixu hin beekamu. Warri buttaa qalan hundi dhiiga dullaacha kanaa jinfuu eeboo isaanii cuuphanii, eenyummaa balbalaa fi warra isaanii dhaaddatu. Fardeeniin garmaamanii Odaa kanatti sagal marsanii sirbu. Waaqaabuuteen sirba kana godoo sana keessa teessee dhaggeeffatti, eenyummaa ishee kan beekan warra shanachaa sana keessa nama lama qofaadha jedhu. Seenaan waaqaabuutee kun waan hedduun gaadiidha. Maanguddoon irraa haasa’uuf uf qusatu. Cuunfaa Ijoo Dubbii: - Miseensi hawaasa oromoo taliiga ittiin ijaaramu qaba. Isaanis – balbala – warra – lammii- qomoo – ummataa jechuun tartiibaan ijaaramee jiraataa ture. - Qomoon maccaa gadaa qaba, gadaa kanas shanan maccaa warra odaa Nabeerraa bahanii uf dandahanii, odaa bisil ijaarratanii jiraachaa turan. - Shanan Maccaa adeemsa yeroo keessa guddatanii Damee odaa Bisil ijaarratanii jiraachaa turan - Miseensi hawaasaa hoogganoota isaa warraan filata. Kun shanan chuuphannaa jedhama - Warri warraan filaman, akka bakka buutotaatti deemanii odaatti seera tumu. Kun salgan cuupannaa jedhama. - Waan dhiyaate kun kan jalqabaati, hundinuu gadfageenyaan qoratamee galmaahuu qaba - Gadaan seera yoo tumu, seerri badhaasa uumamaa kabachiisan mana qaalluutti safuun gaadi’amee kunuunfamee jiraachaa ture Eebba Eebba yeero eebbisan qabxii garagaara qaba. (a) seensa (b) gaaffiii nagaa (c) hawwii jiru uumama siidaa godhatanii ibsuu fi (d) xumura. Qabxileen kun hundinuu namni eebbisu sunii fi warri jalaa qaban waan jedhan qaban; seeraa fi naamusa mataa isaatiis qaba. Seensa Inni duraa Waaqa waamaniitu galateeffatu Hayyee! (5) Waaqa uumaa Waaqa uumamaa Gurraacha garaa garbaa Leemoo garaan taliilaa Tokkicha maqaan dhibbaa Waaqa sagaltama garbaa Waaqa bokkuu gaalessaa Waaqa siiqqee gaaleettii Waaqa salgan Booranaa Waaqa shanan maccaa Kan nagaan nu oolshite Nagaan nu bulshitee Hooqubaan si haa gahu (5) Galatni si haa gahu! Hooqubaan si haa gahu! Nagaa gaafachu Qabxii itti aanutti nagaa gaafatu. Nagaa yeroo gaafatan – Maatii, Hortee fi badhaasa uumaa tartiibaan gaafatu, warri jalaa qaban Nagaa jedhanii deebisu! Dhumarratti nagaan kan waaqi, galata jedhu. Maatin nagaa Margaa biqiilaan nagaa Margee biqiiltuun nagaa Jaarsaa Jaartiin nagaa Balballi nagaa Warri nagaa Aanteen nagaa Firri nagaa Lammiin nagaa Qomoon nagaa Barrri baranaa nagaa Nagaan kan waaq Galata! Horteen nagaa Harkuu fi dullachi nagaa Kormaa fi jibichi nagaa Raadaa fi dhaltiin nagaa Okolee fi harkeen nagaa Raacatii fi biqilli nagaa Barri quufaa, Gadaan gabbina Gabbis yaa waaq Galata! Badhaasni uumaa nagaa Malkaan nagaa Mandiidni nagaa Hangaasni nagaa Nagaan waaqaa nagaa Halkan qawweessi nagaa Bakkashi barii nagaa Waaree fi waabeen nagaa Guyyaan balbalaan nagaa Jiruu fi jireenyi nagaa Nagaan kan waaq Galata! Hawwii ibsachu Qabxiin 3-ffan hawwii fi abjuu qaban, uumamoota siidaadhan ibsatu. Warri jalaa qaban, leel jedhanii deebisu. Leel jechuun, waan jedhame guutee akka leelee qabatee haa raagu, jechuudha jedhu maanguddoonni. Leel Tulluu ta’aa, goobaa muldhadhaa Coqorsa ta’aa, lafa uffisaa Urjii ta’aa, biyya hundaatti ifaa Cirracha ta’aa hammaaran isin hinfixiin Odaa ta’aa, lataa, dameen dagaagaa Handoodee kormaa ta’aa bonaa fi ganna lalisaa Waleensuu kormaa ta’aa bu’aa fi yaabbii dhoowwadhaa Kormi cirrii haa tahu Rimaan haphee f haa tahu Kan dhalate haa guddatu Kan guddate haa raagu Raagaan haa bulu Irraa gora nu haa oolshu Dogoggora nu haa oolshu Gumaa fi gumee nu haa baraaru Waaqa nagaa gaafatu nu haa baraaru Waaqa guumgumaa roobu nu haa baraaru Xumura Xumura irratti, gaaffii gaafatu, Afaan kuni, afaan maali? Afaan Waaq Kana maaltu jedhe? Waaqatu jedhe Amma natti muldhisen eebbise Kan hafe inni itti haa guutu Gadaan Roobaa gabbina Gabbisi yaa waaq Gabbisi yaa Waaq Oofkali jedhu Anis yaadan qabu kanumaanan xumura. Talacoowwan! hamman beekun jedhee, kan waaqni tokkichi natti muldhisen isiniif ibse. Kan hafeef nan kiisaa, na ofkolshaa! Dr Darajjee Dhugaasaa karaa email: ddugassa@yahoo jedhu yaada qabdan erguufii dandeessu!
Posted on: Sun, 01 Sep 2013 15:13:14 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015