Taajjabbii! Ergan interneetii ilaaluu jalqabee Waanan argaa - TopicsExpress



          

Taajjabbii! Ergan interneetii ilaaluu jalqabee Waanan argaa oolu ijikoo dadhabe Yoomuu kanan argu kanan itti amanu Namni kamuu taanaan afaan ofii hin ganu .................................................................. Ani garuu Jamaa hoodan argaa jira Namuu Afaan dhiisee kan ormaaf gidira Mee maaluma taaa utuu of hubanne? Afaan keenya boonsaan utuu dudubbanne? .................................................................. Nuyi Afaan boonsaa kan keenya utuu qabnuu Afaan Ormaa haasauu maalumaaf hin dhaabnuu? Nutoo of dagannee afaan ormaaf duuna Isa beeknu dhiisnee kan ormaatti of hiina Egaa mee jaranaa keenyi akkam haa tauu? Nutoo of daganne eenyu bakka kan buuu? .................................................................... Ani kanan jedhe dubbadhu afaankee Kan ormaa itti dhiisi guddisi seenaakee....... itti fufa! Warra Afaan Ormaa utuu ihn beekiin kan Afana oromoo caalu itti fakkaatee..... Comment ykn yaada namootaaf kennaniif yaadannoo haa tau! Hundessa Adugna Yadata irraa
Posted on: Thu, 24 Oct 2013 15:36:46 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015