Walaloo Asteer Salban Gannootiin waggaa 124 dura - TopicsExpress



          

Walaloo Asteer Salban Gannootiin waggaa 124 dura barreeffame.Walaloo dhamaafi dhaamsa GAARII BARA SANA BARREEFFAME KANA DHAMDHAMAA MEE A Brief Anthology of Oromo Love Songs Collected by Aster Gannoo around 1890 Kuusa Walaloo Jaalalaa kan 1890tti Addee Aster Gannoon Walittii Qabame Qubee Afaan Oromootti jijirame T.B fi S.Y dhaan Bitootessa Bara 1989 Kophaae Heennaan Jettaa dhabee Heennaa Jettaan na dhabee, Ani hin taauu biyyanaa Shoona Ofaattan darbaa, Warra angafaaf quxisuu, Warra jinni dubisuu. Kan qalbiin nandabarree Kan yaadni nansafare Kan billaan buttaa sabuu Kan oolitti nama sarduu Aniis barbaadeen dhabee Ani Siibaatan dhagaee. Qoroo leexaa debilla Kan finniisa si faanaa Ani si dukkaan dhidhimaa. Beekaan biyya kee hin jiru? Kan gorsaan na deebisuu Geennan Caala dhaaqxi. Salgaana birraa naffuu Jeetaan koo dhukkubsataa Ni duaati odeessaani, Jaallali kooti if isaa Kan akka abiddaa guubuu Kan akka diddaa dhufuu. Erguuman si jaalladhe Darbee tokko hin jaallane; Siittin dhumfame takka Yaadon kee hin dhummu lama Sittin deebiuu tobba Waan rabbii beeku malee. 2 Harka koo si dandaee Kan gajaa muree goosuu; Miila koo si dandaee Kan roggee muree galuu; Ija koo si dandaee Kan allaattin dorgoomu; Garaa koon sii dadhabee Fuggiichaa baalee qabuu Kan akka barre cabuu. 3 Irbaata abbaa warraa Nyaata xuwwee bunaa Maaliin nyaate hin jedhani; Dhukkuuba jaallalaa Hoqqa laphee jalaa Maal taatee hin jedhani. 4 Daaguujaan bilchaate Koottu guuboo binnaa; Hojiin warraa hin dhummu Koottu tuffoo lixnaa. 5 Gubaa guute Kuchoo Aggaamsaaf Kombolchaa; Leencilee foon obsaa Siin obsaa na obsii. 6 Madala ille nihodhuu Coocoo attamin hodhuu; 2 Magaala illee niobsuu Diimtu attamin obsuu. 7 Otoon cabaa seee Soyooma hin dagalchuu; Otoon dhabaa seee Kaloo koo hin badachuu. 8 Yaa bookkaa galgalaa Yaa coophxu balbalaa; Anno siifaan gaddaa Ati maal gammaddaa Yaa coortu gandanaa. 9 Yaaban abbaa saawwaa Daaleen gaddi ceetee; Dur midhaan nalagaa Reef bishaan nalagaa Baayyee natti hammaatee. 10 Intalen nakaassee Cuulen naqubsiisee; Jaallali kee guddaan Irriibaa nakaassee Bishaan na dhugsiisee. 11 Abuudu koorran ijaajaa Abuudu koo isa bitaachaa, Jimma gaangoo sirbiisiisaa Dur lubuukoorran si jaallaa Somboon maaru didibeedhaa Situu abaaboo cirachisee; Amma waawuu si jibeeraa Si garaa koo rifachiisee. 12 Roobeekaa caameekaa Hindidhaan gamatti, Booeekaa dhaameekaa Shimbiraa fi namatti. Robeekaa caameekaa Qilxuu Saiin Gombo, Booeekaa dhaameekaa Gidduu sadan tokko. 13 Sokooksii naan jedhan Sokosuu dadhabee Akka baala agamsaa, Si obsii naan jedhan Si obsuu dadhabee Akka garaa dhalaa. 14 Yaa mana sooressaa Mata duree qabaa Golgeen maragaadhaa, Yaa garaa jaallalaa Harkaa ulee qabaa Dhoksee nama dhaanaa. 15 Karaa mana Goobanaa Maltuu beekarre; 3 Yoo Biciirre malee, Garaa jaallalaa kenyaa Maltuu beekarre; Yoo ittilee malee Ittileen hin dubbatuu Yaa magaala kaarruu Olfutee nandhungatuu. 16 Daaguujaa ququummee Fardi hin dheedin malee Hoolaan habubuutuu Yaa muchaa dussulee Wal jaallala keenyaa Warrii hin beekin malee Ollaan haagumgumtuu. 17 Teepha jiidhaati hodhuu Xiyyo attammin hodhuu Yaa Makkoo ilma Siibuu, Deega hojiin obsuu Simmoo attamin obsuu; Yaa qalloo akka ribuu. 18 Gafafa guntuuta billaa Mee na agarsiis ammuumaa Isee tupha kofaa keessaa Qubaan qabee kutaadhinnaa Ijaan argee qusadhinnaa Ijaan argaan quffa caalaa Kankoo fudheen Macca seena Abban waankoo tuquu beekaa. 19 Jiggaa Maanne Jiggaa Maanne Jigga Maanne isa dhummuugaa Sangaan daari gauu suufaa Fiid afaan kee nan xuuxuuxaa Akka daadhii eebichaa Akka qawwaa finjilaataa Garaan aarii bauu dhiisaa Ani yoossan jaallala qufaa. 20 Haati Maane gaddi baatee Dallaa faaqii jala gessee Eebicha baala kutachuufii, Haati Waashee kana deessee Fidee fuullee kana keessee Ana waaii kana keessee Hiirriibarraa nabutuufi Ibiddarran nabusuufi Rakkoo gooroo nagatuufi. 21 Ija willee dinbilaala Baii gooda abbaa Biliitii Ijaanillee si ilaalaa Baii goodaa naa biddiqii. 22 Kurupheen dakuudhaa Bicheen duruu qoolaa Niboiin yaa sookoo Minjeen duruu oolaa. 23 Yoon buluuqsee daakee 4 Daphoon jabaataarree? Yoo daphoon jabaatee Boorreen jabaataarree? Garaa waljaallate Miila deemee dhufuu Daphoon fagaataarree? Yoo Daphoon fagaatee Correen faggaataarree? Gubii yaa donbooshe. 24 Xaafi dirre dirre Seeen waan magartuu Gaarri mirree mirree Waggeen waan dabartuu Deebitee hin aggartu Kanaaffan jarjaraa. 25 Magaalaafan baee Diimtuu arginaan naee Kan diimtuu dubbisee Rooqomsuu bubbisee Kan magaalaan qossee Nama laaloon oossee. 26 Qorii balbala gubbaa Tarrensaa dagalaa Haassaan moggee hin dhuumuu Kan gaarri battalaa. 27 Sangoota Arbee Tullu Kan gaaf ool qajeelee Wajjiin gallee bullu ? Dassoor qarree mulluu Ani waa si kajjeelee. 28 Cacabaa qodabukoo Manna yoo bulguu qabaa; Olbutii na xuuxadhuu Gad butii na suqadhuu Qorama lubuu qabaa. 29 Ilma Abbaa Sekoo Daado Jawwe loon gadiitissaa; Lawee morma siddissaa Sif lapheen na dhikkissaa Cinineen gadi ittissaa Baale qaba shimbiraa Lubuu qaba nidhikkissaa. Jimmarraa Raaya Bachoo Maddin lamaan dafaqoo Abbe qaluuti afarsaa Lawwee kaarruu baqaqsaa Situ as oolee gandanaa Keenya qoriin galgalaa. 30 Haati Abbaa Sekoo Daado Gadi baatte qalaxo teesse Amoolee bakkee keessee Dhaqii fudhii naan jettee Haati Yekarraa deessee Ammoora akkaofii deessee Fidde bakka koo keessee Rafte hin buliin naan jette 5 Ani maalan rafe bulaa? Tafkiin na gubaa bulaa; Ilma abbaan magarfate Kan moaan caalchiifate Kan maddaan baachiifate Gooftaa Biciree Bubaa Kan naoon duraaf dubaa Sii-narra qalbi qabaa Abdiikeen darbee rafaa. 31 Xiiloon kormaa Tumtee hin balleessiini Gororikee dammaa Tuftee hin balleessiini. 32 Yaa Geeraa qottee hin qufuu Fardaan bitate nyaataa Yaa dheeraa sobee duufuu Ani ilaalcha kee hin qufuu. Ol dheeraa akka birbirsaa Yaa duufaa akka bishingaa Jigaa akka xaafi bakkee Didaa akka sangaa Margee Komaa sirbaa duri Jimaata caabsaa koottu Koottu na argii duuli. 33 Yaa saree warra gamaa Yaa magaala jedhani Haarraa bor hin dhufiini Gaafa qofi hin dhiisiin Siifas gala jedhani Yaa magaala jedhani. 34 Yaa Joofoon ija bargoo Kichuu baala dhabasee Siitu waaq na darbate Oggion baddaa jiraa Kumaa baali tataree Joofooni akka ilmaan jilaa Suma yaadn kan qabee Yaa mucaa kichinbilee! Illali siiti hin ciichnee Keenya qumbiin baaluma Keenya qubiin dhaabuma. 35 Yaa gufuu karaa Guumaa Huumo yaa kallaadi koo Ani dhufuuf karaa bunnaan Na dhowwaan yaa waatii koo Warra akka ammajaajii koo Wallaaleen siirkaa baee Deebiin fala na taee. 36 Yaa Dhidheessaa Tuufoo Leeqaan daakuu baataa Yaa mireesiituu koo Meeqaan dabsuu baataa Silaa gooddon bullaa Waraabessaaf malee Goroorakeen hoodhaa; Na maageessaaf malee. 6 Warrabon durr arbaa Booyyeen durr gafarsaa Warrado mukarbaa Boeen harka afarsaa Yaa jibbiti Haaroo Yaa raada Gabbachee Guddisii naa boii Yoo gadda qabaatee. Farda tauu hin beekuu Kooraan batanbataa Kalloonte attam jira Koo na bajjaanbajaa. Waqni Jawwee uumtee Baga Koonncheen uumtee Kan jaallala uummtee Baga obsa huummtee. 37 Bicree Dulla gooftaa Tabba hin baatuu jedhani Gara Bongaatti harkisuu Safaraan kee naanyaataa Eddaan kankee na dooraa Ganna hin baatuu jedhaani Yakaa hin baatuu jedhaani Gara qoonqootti harkisuu. 38 Yaa Bill ilmaa Heefoo Faanfa dhaqnee gallee Yaa sirri akka eeboo Dalfaa kallee callee Yaa bowwaa Jijiigoo Siitto jibrii qabaa Yaa garaa jaallalaa Siitto firdii qabaa. Daakkiyyeen badhaate Kan galaan hin nyaanne Manguddoon badhaate Kan garaan waa hin yaadne. 39 Yaa tulluu karaa Ali Jiggi laftisuun tabbaa Gubbaattaan sirraan margaa Jennaatto biddu goote Kaarruu bidiruu goote Qaraattuu qeensa xiyyo Hidhattu siinanuuroo Tolfattu mataa yuuba Ullattu koomee dhiigaa Kataba akka jennaatto Adii akka saarawiicoo Diimtuu akka jioo madda Dhisii kofla guyyaan jenne Hubataan siirran arga Yaa Billekoo takkaatu Kan finfiini taphattu. 40 Liqimmee daarii guumaa Dheedhi laf abbaa malaa Madii keessi bullukoo Sirbaa keessi daffaqoo Liqimseen taee morma Liqimsuuf garaan dhabee Siin baduf karaan dhabee Sii dheedurree akka margaa Sii dhuugurree akka maddaa. 41 7 Tabba Bulguu Shaashimma Kan koobiin sadi marsee Kaaleessa qophaa oolee Harra kophaa kon oolee Atti nidutteemoo niduultee Kan qofni sadii darbee Kan reef raaffamaa dhuftuu. 42 Yoo xaafii haamtani Gara galchaa nyaatani Yoo gaarri jaallatani Gara cabsaa yaadani Harka affarsaa kaatani Akka lencaa aaddani. 43 Warra gabbatee callee Warra bakkaan hin dhabnee Rabbi jira abbaan hanqii Warra naaf si waltajjii Farrajaan godduu tumaa Booruun farda leenjisaa; Garaa na muree muree Bouu na kajeelchisaa. Bakkee Kooni Dagaagoo Yaa Bakkaarree ilmaa Dajjoo Waa safari na jaallu Wa safaren si jaallaa. 44 Dallaa cacabsii koottuu Gabaeen muree ijaaraa Waa nama dhaanaa mitti Waa agarsiisaatti Waa sabasaatti Atti garricha mitti Kan sii dhaanuu hin jiru Yoon dallaa cabsee dhufee Uleen dirre kee dhaanaa Seeri jabbi kee dhaanaa Atti ooluu mannaa Seeri jabbi kee dhaanuu mannaa Uleen dirre koo dhaanuu Wayyaa Dallaa cabsii koottuu Uleen dirrekee dhaanuu Mannaa Seeri jabbi koo dhaanuu wayyaa. 45 Nagaadee geessani geessani Tooboon gadii buussani Imimmaan jaallalaa Qeensaani qeensaani Xoofoo shan guutani. 46 Guummaaiin mosiisuun Safaraa galaani Arraba kee hodhuun Hidhii kee xuuxachuun Safaraa isa kaani Wayaa Tuffaa Ginnaa Mootiin Jimmaa galee 8 Lafa murii koottuu Lafa mureen dhufaa Motti rirmaa taee. 47 Millo dhadhaqee boaa Ijjo nan argeef boaa Dhannon ullatee boaa Maddiin dhungatee boaa Garaan mali argee boaa Ofiin bullaa abbaa dubbaa Garaadhan lakki jedhii Waan ormaa naboommanii Darreera karraa Mancoo Yaa koobbi lafan qixxee Bareedaa karraatti argu Kutaani hin liqimsanu Qabaani itti hin marmanu Kan donnin namaan ciittee Maalii dubbiin duaan qixxee Duwwaa waan ormaati aaruu. 48 Xaafi badaa Dhawiisodha Bilchaattee yoomman murere Gaarri argeen dubbiisodhaa Si yaade yoomuun dhufaree Agaalo keessan ademmaa Karroo motti bunna hin eeguu Ani farro keetan ademmaa Qalloo lootin gurra reebuu 49 Aandoodee muree mureen Yaa lafa dhibuu bakkee Daannoo kee barree barreen An lafa ciisuu balfee. 50 Hoomi gamasiin murii Hoomi gamanaan muraa Kan Daakee Qoncii hin marguu Yooki gamaasin duii Yookin gamanan duaa Ani taaee si narguu. 51 Yaa Qeeransaa Abbaa Tuullee Haati kee dannu deessee Abbaan kee dannu uummee Si qeeransa maali uummee Kan burri ijja kee kuulee Manna minjeetti Bulguu Affataatin ijjaarranuu Atti hin duutemmo hin raftee Kan qofeen sadii darbee? Abbaan Ambachee fardaa Ambacheen farda mitti Yaa warra nan dhekkamini Yaa ollaa nan taajabini Ammalteen argaa mitti. 52 Sintaarra soqeen dhugaa Dubartin Soose hin caaltuu Sii caala Soose Tuffaa. Godoon kee godoo ballaa 9 Ancaabii mureen ijaaraa Konkoon kee konkoon caalaa Gaafa aarbin dhufee ilaalaa. 53 Leenci si gowwaadhaa Hin dhaqin si nyaataa Dhufan tootoobini Hin haafiin sin yaadaa. Yaa Gumaane mioo Goota hantuuta dheessuu Jiraatan si boaa Yoo dutee hin dhageessuu. Kan roobuu bookaadhaa Kan assaasu maalii Kan bouu garaadha Kan naraassu maalii. Kan yaauu bishaan Kan waraabu maalii Kan yaauu imimmaanii Kan naraassu maalii. Kan roobu waaqaayoodha Dumeessi sasoodha Kan bouu garaadha Imimmaan waashoodha. Daakkiyeen badhaattee Kan galaani hin nyaane Waaqqi atto jiraatte Kan garaan waa hin yaadne. 54 Handaraaffa sangiichaa Kormi loon lama bittee Yaa garaassa namtiicha Mormi sooyyamma gibee. Hindaaqon yaasaa baddi Tumaan qiraachii cabee Ciilaqo ciissaa naddi Sii raajjitu naqabee. Haademii murii murrii Saalaa keessa dhabadhuu Sadiifaa buulii buulii Toola kee nayaadadhuu. Fardaa Amishee Goshee Imalituu luggamee Nu lachuu wal jaallanee Haamachuutu nu gamee. Agamjeen midhaan guurraa Saaluan ganda Maaneerraa Wal argaan heeder duubaa Suunu ganaa baatetii. Yaa Mikiire Shaabuu Kummaa farda lejissaa Yaa miirixee koo Summa na kajelsisaa 55 Warii Illuu baqatee Baataa huqatuu adee Baataan dagallee cabsee Waa naan dubbatuu atti Maaji sagalee warqee 56 Marrataan koote hin qabuu 10 Qaresaatu jaatamaa Jaalataan oonne hin qabuu Marummaantu raafamaa Farda Beechee Guddoo Garraan naraafama Akka fixee gundoo. 57 Kuee yaadhaa Dentaa Barcuuma shan keessaa Doombii sagal keessaa Kuee lafa teessaa Waciitti shan keessaa Xuwee sagal keessaa Nyaadhee qufa dhabeen Duee maal naeegdaa. 58 Waallu Kuee Gumaa Kan faaqichii dugee Aaddunis qaaqaee Boolla si qotani Ana titti gataani Wayaa si bitani Ana namarrani Atti fi dhagayii Onachiin kakaii. 59 Baalan sii ciraa Hinciinni qabaa tokko Wan garaan koo sii naee Ijjikoo sii naannaee Siittan miidhagaa gaafa tokko. 60 Sangaa cacabaa Kuulii hin bittiin ganamaa Waan daraaraa akka buqqee Waan na raassuu akka bubbee Waan na dhibuu akka mukaa. Dur mootii barana Ana mitti jabanaa. 61 Ma dallale fokkisuu Cacoo tammin fokkisuu Magaalale obsuu Dimtuu attamin obsuu. 62 Gurriiaattin gurruummaa Ootuu dhie deemtii Kan jaallatan arguu Kan jibban ajjeesuu Ootuu taee biiftuu. 63 Saanni daran danqamee Hooffaa keessaa hin bauu Yaa Warjii Biqilee Attamin as galee Oollaa keessaan tauu Yaa Jibbaati Noolee Aggamsi bilchaatee 11 Yaa billiqa jooree Siin liqimsa mooree Dabarsi dhiaattee Karraa Guutee Beelee Fardeen deebituudhaa Yaa dubra iryaakoo Nadheen deegsiituudhaa Birraan beegtuudhaa. Hundumatoo lafaa Yaa Tumataa Bichee Hundumatoo namaa Maaf sumaaf narakisee Yaa mucaa Haarkaa Siiqee. Waya duube Galloo Hiddiira buutani Hodhii naan jedhani Ani dandaee hin hodhuu Dhokseen guba malee. Yaa doosore intaloo Siitti na kutani Obsii naan jedhani Ani dandaee hin obsuu Sokkeen dhufa malee. Diimaan horra quufee Caabsaa gaee rambaa Diimtuu mormii duufee Argaa keetti jedheen Ciisaa kaeen gaddaa. Gayyaa bakki tuffaa Isaa wanno dhiittee Qoricha naa hin himtuu Isa naan obsitee Ana maa dhoksiitee. 64 Gibeen guutee jettani Gibee guutuun soobumaa Billuu guutuun dhugumaa; Kan qabaansaa eeboo Kan dibaansaa yookoo Kan koonkooni foon maruu Kan ijji gumaa foonii Kan marxoon walaa iitee Kan daanoon goraa missee Jaallatteerta jedhaani Jaallachuun sobumaa Itti abbalun dhugumaa. 65 Kan marxoon diqqaalisee Kan danoon goraa misee Mucaa Saajjami Gumaa Lapheen beelat oobsanu Jirraa qolxooba jawwee Yaa gurraacha Kutuumaa Kun sobamoo dhugumaa. 66 Dallaa Saabaa Oofaa Komboolchaa ijaarani Jirmaan barreesani; Aggartu jaallalaa Foonqoolicha ilaalani Jibbaa fakkeesaani Billaa Burqaa Jawwee Gaaf lamatu qaruu Yaa warrasaa jedhuu; Yoon si fudhee badee Gaaf lamatu jejuu 12 Yaa nama ammaa jedhuu. 67 Gamuulaan gadi kaataa Lafee torba baataa Namuraa na nyaataa Lapheetti ol na kaataa; Dimaan dhalee jiraa Mucha dhabee jiraa Siif naa gamee jiraa Fuucha dhabeen jiraa Warri Illuu baqatee Waarjiitti galuufi Jara barbaadanaa Qalbi itti qaluufi Nan yaasaa nan galchaa Karra cufuu hin beekuu Nan yaada nan gaadaa Gaafan dhufuu hin beekuu Qara abbaankoo badee Lafa dhaabatani Naduraa baateeka Ijaa laafeetani 68 Yaa naggaadee Dentaa Goomeen baddaa jiraa Motiicha Wajjiini Yaa Sarjamee leensaa Siila ilkaan kee keessaa Moggee dammaa jiraa Soogiddaa wajjiini Abbaaye nadhaanee Sirba hin dhaqiin jedhee Eenna sirba dhaqxe Dubra hin qabin jedhee Durba mudhii sonsaa Kan biteen goromsaa Attam godheen obsaa. 69 Nan ciisa banti goorroo Ollaa bittaa dugaanee Jaggaara finnisa tarree Gachii koo Joobbi Sharoo Oosiinafaa niduulan Fidaafaa fiitee jiru Yaa Jaggara Jabuurani Namni siin qixxee hin jiru. 70 Amaari laman wal ritee Galite warra geessee Kan nyaari lamaan dhabaa Nadheen kana deesee Haati kee na raraaftee. 71 Bishaan bishaan yaa qoodaa Bija bija na godhaa Akka bubbee xiiqimtee Akka jaallala wayyuu Akka ciniinnaa garaa Akka dhukkuba ijjaa Oli gaadii na cesissaa Akka hantuuta ilmoo dhabaa Olimoo gaadi naa wayyaa. 13 72 Galgala koottu naan jette Dhufnaan galii naan jette; Bineensi nan nyaatuuree Qilleensi nan raasuuree; Garaan siin ammaatuuree. 73 Billaa bitti naan jette Maal godheen billaa bitaa Okkoo qallaaxee malee; Narra citii naan jette Maal godheen sirraa citaa Tokko gallaasee malee. 74 Timboo ganaa Yaa birbiree simboo dammaa Jira jiruun baeessumaa Nyaanaa midhaan hin dhisani Dhandhamee ulee malee Raafamee bubbee malee. 75 Atto raafuu buii Ani si qinxisiinaa Lawwee Burii Deesee Atto rafii bulii Ani si wuxisinnaa Qoraan karaa lamaa Walitto bananii Jargaan ayyuu sanaa Magaalif diimtuun Walitto galani Qooraasuma liiluu Hidhii na baachiisi Lawwee Burii Deesee Warra keessan dhoksi Hirmii na nyaachiisi. 76 Geenyaan na kufiiftee Goodoo taaeen booaa Kan gayyaan guddiftee Loojoo daabee fooaa. Abbaan abbaa kootti Akaakayuu kootti Ijjaan si arguunkoo Eegaa fayyuu kootti Fuullee mana darse Yaa dukkana roobaa Fuullee kana marsee Natuu akkana booaa Kan daaktuu sabiidhaa Dhagaan boorareedhaa Tamsaaftu qalbidhaa Maqaan Jagireedhaa Badhaatuu moo bilii Kamtoo nadhii baasaa Magaala moo diimtuu Kamtoo na dhamaasaa Aduun lixuu geessee Awaari ol qajeelee Diimtuu biifa leensee Ani waa si kajeelee Ollan dubbaa hatee 14 Kan duuka ciradhaa Caren nu badhaassee Kan dubra biradhaa Wayyooren loon yaasee Gurbaan qarmii tiksaa Wayyooree koon yaadee Mucaa qalbii dhibaa Warri Doori Gibee Dhagaa dhadhabani Yoo wal argaan dhibee Nagaa dhadhaamani Yaa gammoojji dhaddee Qaalluun mandhisaadhaa Kan abbaa mijji galtee Waalluun fayyuusaadhaa Darabaa si qoodhaa Dirre guggubaadhaa Damma afaan barooda Irreen guggubaadhaa 77 Nan yaasaa nan yaasaa Nan galchaa jabbiillee tokko Nan yaadaa nan gagabaa Wan yoomoore tokko 78 Sakkurre abbaa rooroo Kee mataa tolchaadha Kootoo faqiisaadhaa Dafuure afaan qolloo Kee garaan obsaadhaa Kootoo kaachiisaadhaa 79 Yaa niitti Gooshu Oduu Yaa dhaqxuu nadheen Gaamuu Ani sifan gadoodaa Akka jaarti Lamuu Aka saaa galgalaa. Shoolaankoo galee nijettuu Yoo dhirsi kee galee Kun maal yoo jedhee Guubboo natti gonbiftee Hoolaan koo dhalee nijettuu. 80 Mani Tuffaa jigge Wajjinin ijaarraa Mallii dhufaa dhibee Baatee hin dhadhaabatuu Wajjin ijaajinaa Ijoolluummaa wayyaa Kanan mana eeguu Jaallalaan naan qooftaa Dhukkubalee wayyaa Kan warri naa beekuu Kooraa Daarisee Gooshu Kooraa abbaasaa caalaa Imimmaan koo argii Kan akka lollaa mirguu Rooba arfaasaa caalaa. 81 Hooraa bissilee xinnoo Balalaaa naa dhaii Heeruma hin oolani 15 Barana naa baii 82 Wayyaa Guyyoo Waantaa Niitiin niitii futee Ofiitti nanhituu hidhaa ifiitti futee Lafa Dhaabaa Olii Gaani rirmii hin nyaatu Lafaa faale walii Gaarii hirmii nyaatuu. Yaa garaacha saree Yaa tiruu qamalee Yoo jaallala koti if kee Duru akka malee. Warri Shoobe Duba Shooben dalandallee Amman siirraa fudha Sobee walawallee. Booddee buqqifataa Akka booddee jare Jamee guddifata Akka ilmoolee saree. Jiin halkan kaleessaa Ijan wayyaa gogsaa Eesa abbaa koon dhaqaa Micciiramen obsaa. 83 Mani keessan haaajigu Randa dhaabata malee Warri keessaan na jibbuu Sii na jaallata malee. Okkolaan tabba hin bauu Saanni nikaane dulachaa Sosoobaan nan dandauu Kan hin taane dubbataa. Abbankee callee goobbuu Fardaan ambachoo licee Argankee dhisee tokko Harkaanan rakko lixee. 84 Loon hirmaataa ciisani Hanqaaquun Jimma galaa Siif irbaata dhisani Kan kaarruun irra jalaa Aaggabu gadi ciisani Jedhee Dhimee Abbaan Giisaa Yaa magaala qinxiisaa Si malee maalan tiksaa. Safaran mishkaatii Yaadan shuurgubii kootii Guguubin akka beelaa Gubiin akka jaalalaa Nadhibee yaa mooshiikoo. 85 Naggaade haadabartuu Tumtuun as haadeebiituu Gadi baatee na nagartuu Lubbun natti haadeebiituu Lubbun akka soogidda 86 16 Haatabaa Sheekoo Dadaa Gadi baatee goolge teessee Goommada nyaadhu jettee Ani hin nyaadhu goommadaa Goommada kichuu malee Saariitin biyyaa Jimmaa Boolde jallu jeettee Ani hin jaallu boolde Boolde wayya biyyoo Kan dubbiinsee kiyyoo. Yaa farda billoo billoo Otuuma deemuu kooraa Mucaa mandara Guumaa Dachaafat abbaa duullaa Mucaa mandara Limmuu Dachaafat abbaa Birru Jette badaa dalfiituu Cuutti mala naa nmtuu Harraaf si birran jiraa Borrifan qixxaa bira. 87 Bakke gamaa yaa guurraatii Garaachi keessati dheedhii Laphee jalaa naburraaqxii Garaa kee keessati beekii. Abbaan Illu dallanaadhaa Darreeraan yoom birraa baane Abbaan jiru rakkataadhaa Bareedaaf yoom fira taane. 88 Loon abbaa Gandaa Faaqii Yaasani gadi afani Kan akka dammaa fi daadhii Yaadani gadoodani. 89 Haatti Caalii Gobbuu Cuuphataa raafati Ati gaarii kottuu Shuuu baddaa daalatti Achuuma laalatti 90 Yaa Haalaaku Balloo Qillee afaan daggalaa Yaa bassaquu qarree Nu wal dhabuu hinmalle Hiree waaqtuu akkanaa Asiin gadi kaadhu Caffee Sibuu laali Suuboo argeessa Qeerroo waati galaa Laphee qaphuu ilaali Bocooloo guurraatii Leeqaa jaartii gobbuu Sabbataan hidhatee Qallaan xalafatee Siitu hidhuu nacaalaa Haddaan darraarekaa Kan baalla buffate Baddaan nu nyaateekaa Kan yaadaa kuffate. 91 Boqqolloon gadi ciraa 17 Hoolaan gadi dachaasaa Daffoollo akka siimmaa Loomma akka mardaassaa Yaa Mardaassaa Kumma Abba Jootte Jabbaa Imimaan na roobaa Akka foolle cabaa Suphee abbaa birbirsaa Daraaraa akka manchii Dinqa abbaa takkaalaa Haroo latta baddaa Kan gargar nubaassee Mimmixaan hanyaatuu Xoossaan hacuuphatuu. 92 Ootuu akka nyaatakoo Buqqee ganna nyaatuu Beela sodaaf malee Ootuu akka yaadakoo Bukkeeti wal baatuu Seera sodaaf malee Qeensa huummoo kormaa Ootuun qooru cabee Gurguudu sossobdee Qondalaa cocoophxee Yaa xuur naa dubbadhu. Lagni keenya mumme Lagni keessan mumme Warraabe gogsuuree Mani keenya fuulle Mani keessan fuulle Ilaalee obsuuree Daboon keenya boori Kan baaqeellaa qotu Kan jirbii facaaftuu Asin jira koottu Yaa gangiiloo coortuu Yaa dinkii gabaabdu. Dhagaa akkana daakuu Majji akkana buusuu Waqqaruun tooleeree Garaa akkana boouu Kalloo akkana buubuu Wal dhiisun toleeree. 93 Ani kale koo argachoo Hiideen diddaa oolaa Kan qarree benachoo Lichee dhiga ilmoomaa. Mardaffo iyyatee Birmachuun hin genyee Argaa koo jibbitee Birmaduun saani deenyee Yaa Soolanaa Mumme Jijiigsaa busaase Ani gora nan guurraa Jibbiita mucaakee Ano Dakuu Darree Kallee kee naa murrii Maali yaa dhabsuu dabee Harmee keetii bulii Warra Guuttoo keessaa Farda Garbi caallaa Maal goota fullakoo Yaadaf qalbii caallaa 18 Mani keenya jigee Koottu dhaaba murraa Malikee na dhibee Koottu taaa bulaa Yaa biddeena farsoo Yaa bukoo boqqoolloo Kan guddeeda bargoo Kan dhugoo daffooloo. Tortoraa ija buqqee Baala ancootee lagaa Sosoobaa na hubdee Waana gotte bagaa. 94 Abbayuu Baddalee Darboo gurguuree Dhaltii mucha muree Taaakaa qophaakoo Dhugakaa imimmaankoo Kan waaqi natti muree Shereeree dammakoo. 95 Loofe loofe bakkuraa Seera motti gabaraa Loosee loosee na muraa Akka ciniinsuu daaa Siimoo garaatu akkanaa. Jimma hin deeguu jettani Jimma hin deeguu dhugumaa Karraan Harura goree Jibba hin beeku jettani Jibba hin beeku dhugumaa Garaa raatu na godhee. 96 Gaarachan dallandalaa Tiruun qalamee jigee Garaa nawalawalaa Olmoo gadi naa wayyaa Wayyessaan dulaa galaa Koottu na barbaadadhuu Baddeessaa duufaa jalaa Mana keessaan gajallaa. 97 Gufuu yaa gufuu guddoo Gufuu jalii kootichaa Maa dhufuu dhufuu didaa Jifaaritti of geessiitee Duulaan of qixxeessitee Jari lammaan mootichaa Nu lammaanu soogiddaa. Dumbuulaa akka jibichaa Gungumaa akka jinichaa Kan iji bobee baddoo Kan nyaari jimaa corqee Kan koonkooni foon muruu Kan mormi hirkootii buluu Daffaara ilma abbaa guddoo. 98 Cicittaa mooraa kalee Guuteen dhibasaa hin hirruu Jijjiigaan koo na ganee Guutee jibba koo hin himtuu Ofii gaaf-sadiin dhufee Gurbee gaaf-sadiin ergee 19 Injiraan kooraa fardaa Imimmaan koo raafataa Dhiiga koo dhimbibataa Guutee jibba koo hin miituu. 99 Baddaa qula arfaasaa Quxxaan lakkuu dhalee Ootuu na sosobduu Ootuun si sosobuu Jiin arfaasaa dhumee. 100 Warra abbaa Seekoo Dadoo Bokuun farda leejisaa Gaafa gulee mijjiree Kan jiruun jiraa dhabee Gaafa duutee mijjerree. 101 Bulii Gonde ... booleen lallabeeraa Shurii ijoole duii foonkee Ani si gaggabeeraa. 102 Qadaada simsiimii Okkoraa buusanii Magaala shimshiimii Tobbo ija buuranii Si moggaa buusanii Sila bultee hin baatuu Tamsaasi yaa silawee. 103 Gajabu kallu Kumaan badidha Facaatu lafoo Kumale didha Sobeen sokkeeyaa Mooshii ilkaan tokkee. 104 Loon keenya keessaa Xiilloo yaa bantaa Sirbalee beektaa Nyaanoofaan bantaa Qotalee jedhuu Babateen cabee Looltelee jedhuu Amalteen dhabee Loltuu mataa baalloo Galgalafaan saanegaee. 105 Oobbooriin harree tiksaa Fuullee mana faaqiichaa Jafooni qarree jigsaa Jedhe maal nataasoftaa. 106 Si taee natti raajuu Ana taee sitti baacuu Dhufeera abbaan galmakeetii Oli adeemuf godamaadhaa Gadi adeemuuf hool adeemaa Hubaan tumi gad na baasii Bishaan alaa nama nyaataa Yaa tumtuu gama wiinsaa 20 Edaa lubbuun nama fiigsaa. 107 Jedheetan yaadha Disaassaa Disaassa kee ittuma dhisii Bishaan lapheeti na biifii Bishaan kan kee ittuma dhisii Aannaa lapheeti na biifii Aanaani kee ittuma dhisii Laphee gubaa na gadi ciisii Naafsee duuwwaa gadi nadhisii Naafseen duuwwaan kan rabbitti. 108 Dooroobaan qarri hinbauu Yoo karaa dalgaa malee Sosobaan nan dandauu Yoo kadhaa margaa malee. Okkoteen faagi citee Yaa filaa karaa dambii Boyooseen qabdoo didee Waa bishaan garaa qabdii. 109 Daraaritee baalan biraansaa Goeen birraa latamooree Naraafteekaa marumaan koo Booeen siirraa dhabamooree. Abbaan kee beera geggeessaa Beera keessaa beera faaqi Argaan kee beela balleessaa Beela keessaa beela majii. 110 Hoolaa jimmaa hin bittiin Daggala dhoofte baddii Isii kaleesa guyyaa Isii asaasa gurraa Isii machala gubbaa Yoona anaa fi si duwwaa Hayyookeeti hin himini Harsamaa dhoofte jaji. 111 Waaree koottu naan jette Warre gali naan jette Bineensi nan nyaatuurree Lafeekoo hin arcaasuuree Hayyoonkoo nan yaadduuree Wareen kee hin amaaturee. 112 Abbaan Mookoo dubbatuudhaa Raada magaala hin gooraatuu Kan damooto quphantudhaa Yaa isii magaala jargaatuu Lafaa fuutee nan kollaatuu. 113 Kan qalan dullachaa Reeetii dafii dutii Kan booee garaadhaa Lapheen naasu dutii Akaakuu Guluummaa Siibaa gidaa dhaanee Erga bultii lamaa Nama jibbaa taaee 21 Karaa jimma dhaquu Dhirsi niitii hin geessuu Garaa dugda galee Soogidd hin mieessuu Wandaboo bututtuu Dubarraan uffatuu Silaa sin liqimsaa Qonqoon nan fudhatuu. Dannoon fardi kaasee Achuumaan falaasee Maali yoo nattidemtee Harkumma qullaakee Gari baaiisi gaaridha Gitaiis gaaridha Si abaareen jira Sin gaiin horriidha. 114 Sibaata Buutaa Tufaa Duban jennatoon fufaa Sambata gudaa dhufaa Dubaan caggiinoon dhufaa. Barbare kuuli keessaa Maxxanee qorii buutee Maddare tullii keessaa Na tarree dormii dhufee. Jijjimbila baabatee Kataa cuutee bitatee Dhalikee sittibillaa Oorma setee rifatee. 115 Birilleen dhiba bitaa Dhibaa jaatamaa bitaa Farda ciitoo hooqisiisaa Si fudhen jimma lixaa Diimaa raaruuman lixaa. 116 Eda roobee roobee Tifuun dambii dhaanee Yaa bubbee naan jette Yaa tase naan jette Ano bubbee mitti Siifaan qalbii daaree. 117 Dhagaan muka muraa Dhabaarraan diida hin buluu Hundumaa sin jennaan didee Adaara Diida Shuulu Akkan galee kanumman buluu 118 Jimma gamaa fardarra hin taauu Mootii warqee fardatuu kaasee Kootii fi kan kee waaqa harka haataauu Dirmaa namaa gargaar nubaasee Waaqa harka taaee bada hin fakkaatuu. 22 119 Birbiri daakaan dhaqaa Karaa malkaa biilee Macoon na raafamaa Akka bishaan wiillee Laaloon araaramee Inni goodaa cafee Macoon na raafamee Inni goda laphee. Yaa garba bakakoo Rabbi kooraa hin hodhuu Yaa garmaamaa kan koo Natti joraa koottuu Akkan hoomii falaxee Baddeessa qaqaliuu Yaa mootii akka laabee Akkeessaa bakakoo Dukkani maali ifaa Jinnoo bari ifaa Kan jaallatan malee Kan jibbaab maal dhibaa. 120 Obboo Jootte Tuluu Qullubbii facaasee Qonfar naan jedhee Dandaee hin qonfooru Bittimseen addeemaa Warri gaarii hooree Magaalan gadi yaasee Diimtuu bira dhaabee Qoomaii naan jedhee Danayee hin qoomauu Liqimseen adeemaa Liqimee ilmaan beeraa. 121 Yoon citaa si haamee Yoon haamee si tuulee Nama ijaareen caalee Yoon baqoo si dhaqe Yoon faaggaa si muree Harkisee si galee Harqee siti sirbee Nama ajjeeseen caalee. 122 Alabee kaasani Simaa qubsiisani Yaa gubduu waxxaale Si naa tumsiisani Erga bultii shani Anbaltaa mureetii Goola keessa dhaabii Kan sarbaa bunnitii Sagalfaa bulitii Tolakee naa yaadii. Ijoolleen hin beektuu Jaarsi mana hin eeguu Silaa waa si duukaa Majjii keeti hin beekuu Kan waaqi lafti beekuu. Aduu nati dhiiteef malee Jiina amma guyaatee Rakkon duteef malee 23 Qarreen buteef malee Natamaa durbatti. Haati Daannoo kuftee Kan cabali galtuu Ati maali yoo dhuftee Yaa yadali martuu Kan qananii qabduu. 123 Yaa naggaade Guduruu Situu raaree na gatee Akka raaree na gatte Shumburaa naa babaqii Yaa garaakoo jaallalaa Yaa qalbiikoo dallanaa Situu waii na gatee Akka waii na gatte Hundumaa naa dandaii. Gaalamoo laabaa seeko Ceetee mana jaarrati Tabba isaa gamaa irrati Yoo garaankee na jibbee Yoo ijikee na cecete Jalaan loosi naa himii Darbeen gaari gabbaraa Fooliin gaari qabbanaa Garaa siimadarrati. 124 Akaaiin harcaatee Cichaa jala butee Yaa mashaashi naggaadee Garjoon harka guutee Okkoofte akkaa gallaa Akka gallaa oolaa Na dhoofte akka garaa Akka garaa dhalaa Aramaa naan jennaan Carragaan balleessee Wal jaallal jeennaan Lafaafaan balleessee. 125 Akaayii shumburaa Mulluu atantarraa Kan yommuu wali jaallanu Kan yommuu jibbii dhufuu Hin himin adaraa. 126 Yaa abbaa Billoo Kummee Si qarsii farda tumee Galgala na eegani Guyyaa na takkaalani Keeir dubii farda dhufee Anu mandaran bulee Mandaraan attam bulee Anu raafammaan bulee Kee garaan attam bulee Yaa dabaa masaaqule. 127 Boqqolloo daakii naan jette Anu hin daakuu boqqolloo Gugguubeen ilaala malee Biyyaa hormaa taaii naan jette Ano hin tauu biyyaa hormaa 24 Bubuleen ilaala malee. 128 Mureen sidamati ol guraa Abbaan Jargaa laga hin ciisuu Bulee dibaaba ija kuulaa Ani waan jaftaa kana hin dhisuu Jedheetan waan jettu ilaalaa. Shoorikoo yaa dallanaakoo Soroon kufee Baqalaani Kara hooraa simadalu Garaa koo yaa ilma massaanu Kan waan hormaati na dhaanu. Booqaan farda balaacuudhaa Abbaan Gutee gadi fiigaa Yookaan addaan malachudhaa Afaan xuuxeen gad si dhiisaa Shoora koo yaa dallanaakoo. 129 Ilmaan Dissoo lamaa mootee Wayyeessaa duulii hin kajjeeluu Ilkaan shafoo kana gotee Kan duraa fi duubii barreedduu Wayyeessaan duulee akka abbaasaa Disso dachaase jabbiikoo Kan mataan duumeessa arfaasaa Sitoo tamsaasee qalbiikoo Gabba cibbi cibbiin duulaa Ano hin qalee kumaa eelee Magaaltiti sarbaa duddaa Ano hin dhabnee suman heenee. Kaloo gamaa sidiseekoo Daraartee baalii ibrangoo Qalloo namaa jirgiifeekoo Naraafateekaa maruumaankoo. 130 Kalloo Gidaadaa Nagaassoo Gidaadaan maal tiksaa laataa Qalloo sirraataan adeemtuu Sii waamnaan maa dida laataa Baalaa sangiichaa nuugii Ma najalaa dida didii Gurra kee of cuqqaaluu Moora tumaameessa hoolaa Yoosan si waamicha olaa. 131 Shooree koo yaa haadha Wayyeessaa Horri koo maafan balleessaa Atoo gabaa galgalaati Atoo cancoo balalaati Koo Itaanaani sin macamiinee Oromatan sin macamiinee Dhoofe finniisa qoraatti Dhoksee himiina koophaatti 132 25 Saani Diggiitti dhalee Gabbari baatuu foolataa Tirma afaan guboo dheeduu Magaala golgee tauu Diimaa golsaatee tauu Tookoottu na dhuungadhuu Lammafaa na xuuxadhuu Betiikuun tuussoo beekaa Jamaan kuun nu goomataa Kaaakaa yaa dasuuraa Lapheekoon ijaan argaa. 133 Yaa hiiddi dhaaba boonaa Kanaan haamee si gogsee Kanaan diigee hin gatiini Yaa giddii seera soddaa Kanaan taaee si obsee Kanaan fiigee hin badiini.
Posted on: Tue, 24 Jun 2014 15:58:38 +0000

Recently Viewed Topics




© 2015