YAA HIREE JIREENYAA yaa lammii yaa saba roorroon nama guba yoo - TopicsExpress



          

YAA HIREE JIREENYAA yaa lammii yaa saba roorroon nama guba yoo ajjeefatan abbaa malatu nama dhiba eenyummaa koottu na dhibe of gaafadhee dadhabee deebiis harkaa dhabee itti dhiise cabee tola hin qabu wanti keenya yaa hiree jireenyaa(2x) namni gaaf dhalatee lafa gadi ijjatee dachii badduuf seeqatee lafa dhayee mucucaatee gitintiree ol dhaabbatee daaraa qaamaa haxaawwatee caba lafee sukkuummatee nam gargaaru barbaaddatee oliif gadi hihiixxatee nama dhabee abdii kutee haati silaa duraan duutee waan rabbiin jaalatee jireenya isaaf kan filatee beela`ee dheebotee garaachi gubatee waywaatee kadhatee nama dhabee kan isaa birmate lafaa haree biyyee nyaate maal godhanree kanumaa jiruun addunyaa guyyaa dukkaneessaa hayi hiree jireenyaa(2x) yaa gooftaa argitu kan namaaf birmattu yaa abbaa rakkataa yaa abbaa gubataa miidhamnee sarbamnee akka sareetti jibbamnee jiruu oo`aa keessaa gara qorraa deema ibidda irra gubaa jiruun biyya ormaa ibidda gammoojjii keessa qaxxaamuree du`ee galee ammas du`ee abdii muree deebi`ee galee akka hiree alagaan itti fe`ataa akka harree jireenya du`aa jiraata mukkuree gariin irbaata bineensaa ta`ee kan hafe biyya alagaatti ce`ee rakkoon inni jalaa baqate roorroon inni jalaa fagaate biraa hin hafnee duuka buutee garii garii lubbuu fuute biyya irraa baqannee baqannees gubannee reeffi keenna shamee waraabessaaf darbamee dhiigni keenna lafatti jigee ati ol nu qabi yaa rabbi si wogee rabbii osoo qabnu biyyaa nubaaftee gahe nuun jedhi nutti hadhooftee osoo lafa qabnu lafarraa buqqifamnee roorroo alagaaf biyyaa baqannee miilaan fagaannee hara galfannee jennee osoo yaadnu daran salphannee yaa rabbi simalee hin jiru abdiin keenyaa maaluma nuuf qoodde yaa hiree jireenyaa(2x) ganamaa galgala imimmaan jissinaa haadhatu nurraa du`ee maalitti obsinaa ilma abbaa hin qabne hundatu itti hammaataa silaa fira hin qabuu maaltu isaa birmata qabeenya isaa dhiisee qullaa isaa baqatee hara osoo hin galfatin dachiirraa fe`atee mootummaa qabna mootummaa maqaa kan duula baye awwaalcha haqaa yaa gooftaa waa argu kan hundaa dhagahu rabbii yoo gaafatan dafee namaa gahu akka ilmoo bofaa nun faffacaasinii aduwwii nuun taane nurratti hin laalinii yaa rabbi nurraa buusi lafaan dhahii kuffisi biyyi ormaa biyyuma ormaatii yoom namaaf rifatti biyya ofiititti duutis nama toltii alagaan nunyaatee albeedhaan nu diree ati nu midheessi nutti tolchi hiree yaa abbaa hiyyeessaa yaa abbaa qabeenyaa atummaan nuuf jijjiiri teenya hiree jireenyaa(2x)
Posted on: Tue, 12 Nov 2013 06:16:16 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015