Yaa Waaqakoo guyyaa haraa kana umamu biyya lafaa dura isa naan - TopicsExpress



          

Yaa Waaqakoo guyyaa haraa kana umamu biyya lafaa dura isa naan hojjechu akekte akkan raawwadhuf kennaa fi carraa gaarii gotee waan laattef sin galatefadha. Yaa waaqakoo ANI ENYU ulfinakee akkan mulisuf kan na filatte? Nama hin tau jedhame isa isaaf raajame,isa akka muka gaootti baayyen itti qose,isa bifisaa aduun gamoji dukkanesse,isa dadhabbin isaa akka cirrachaa baayatee,kan koo kan jedhu enyuyyuu kan hin qabne, isa maqaan isaa sicoo irra xuraaee; Bara enyuyyuu na arguu fi na hubachu hin dandenye,bosona qobaa taaa ture kessaa sagaleen dhagae gaafichaa hara toora toraan yeroon argu na dhiba raawwin isaa. sagaleen jaalalakee, waadaan ati barakoof naa galte,nadhi caalaa na mararfachunkee kan biraatif miti anaafuu gaaffi dha. Eyyee......... HUNDU SIN TAE; ULFINNIKOO SII, BARUUMSIKOO SII, DINAGDEEN KOO SII,TAJAAJILLI KOO SII. bara hundu raafamu ati akka leenca dhalaatti hirkadhe akkan cisu gote,bara mootiin bouu jirenyakoof nagaa laattee, karaan ebbaa burqaan nagaa hundee jirenyaa amma argadhera amma hubadhera, waaqakoo bagan si qabaadhe Ani sin of jaja,sinan bokkisa,sinan dhaadadha. OLEE BULEE OLEE BUBBULEE , NAAF GALEE JAALALLI NAMAA EDAA HUNDU IN JIJJIRAMA,SI MALEE MAALTU AMANAMA. Dhugaa isaa jedhe dastaan, akka burqituun lafa onaa kessaa laphe namaa qabanessu ani sin qabanefadhera. ATI WAAN HUNDUMAA GOCHU AKKA DANDEESSU AKEEKAKEE KARAATTI KAN HAMBISU AKKA HIN JIRRE AMMA BAREE. lubbun koo si dhebotera jaarsoleen digdami arfani,ergamoota baayyee wajiin,haale haaleluyyaa jedhani nan arga goftaa yoo faarsan hamma wal arginuutti imalan qabuu hundumaatti waaqakoo na irraa hin fagaatin. BAra koo hundumaa anaaf obdi manakee naaf wayya,waan hundaa caalaa immoo laphee qulqulluu naaf kenni,maqaa yesusin ameen!
Posted on: Mon, 21 Oct 2013 15:06:14 +0000

Trending Topics



Recently Viewed Topics




© 2015