Dubbin isa Dubbi Ayyaana ti Dubbin isa Dubbi Ayyaana ti Rom - TopicsExpress



          

Dubbin isa Dubbi Ayyaana ti Dubbin isa Dubbi Ayyaana ti Rom 4:13-25 Dubartiin tokko waan kiitabaa amanti ishe irra dubistuu tokko galuuf dinan namicha geggessa amanti ishe ta’e bira dhaqixe waa’ee waan isheen dubbisa jirtu akka ibsuuf gaafate. Namichi immo “Ani qubee hin beeku. Garuu yoo ati naaf dubbifite dhugaa inni agarsiisu naan hubadha” ittin jedhe. “Ati eega qubee ille hin beekne, attamitti dhugaa inni agarsiisu hubachuu dandessa?” jette dubartatiin isa gaafate. Yeroos namichi “Dhugaan jechoota barreffame waliin homa waltii hin qabu. Dhugaan akka urjii ibisuu ti. Jechoon immo akka quba ti. Qubni gara urjii argasiisu danda’a male ofi isaatiif urjii miti. Urjii arguuf quba sana irra dabarsan ilaluu nama barbachiisa, miti ree?” ittin jedhe. MAREE: Yeroo ati quba gara dhugaatti agarsiisutti qabamuun kan ka’e dhugaa arguu itti dadhabde jira? Attamitti ija kee quba isa karaa agarsiisu irra kaaste dhugaa sana argu dandeesse? MEE ITTI YAADII: Maatii, firooma, waldaa Kristyaana, hawwasa fi biyya keenya keessati kan yaadaa, ijaa fi qalbi keenya qabate nu rakkisu maalii? Attamitti waan akkasii irra dabarsine illaluu dandeenya jeta? SEENSA: Abrahaam abba amantii saba fi amantii bayye ti. Inni nama Waaqayyo atti fira kotti ittin jedhe dha. Kun attamitti ta’u danda’e? Nuti hara’a attamitti ijoole Abrahaam ta’u dandeenye? Debbi kana argachuuf mee Rom 4:13-25tti dubbisi. 13Abdiin Abrahaamiif yookiis sanyii isaatiif kenname, biyya lafaa akka dhaaluuf; kunis Abrahaam seera waan eegeef utuu hin ta’in, amantiidhaan qajeelummaa waan argateef isaaf kenname. 14Namoonni seericha eeguudhaan dhaala sana argatu yoo ta’e, amantiin namaa akkasumaan, abdiin Waaqayyoos gatii malee in hafa. 15Seerri dheekkamsa Waaqayyoo in fida, garuu utuu seerri hin jiru ta’ee, seera irra darbuunis hin jiru ture. 16Kanaafis abdichi ayyaana irraa kan ka’e, sanyii isaa hundumaafis kan eegamu akka ta’uuf amantii irra in dhaabate. Kunis warra seera eeguutti qabaman duwwaafutuu hin ta’in, warra akka Abrahaam amananiifis immoo in eegama; Abrahaam abbaa hunduma keenyaa ti. 17Abdiin kun fuula Waaqayyoo dura jira, “Saba baay’eedhaaf abbaa akka taatuuf ani si dhaabeera” kan jedhu caafameera. Abrahaam immoo Waaqayyo isa warra du’an jiraachisu, isa waan hin jirre akka jiraatu godhutti amaneera. 18Abrahaam akka yaada namaatti waan hin abdachiifne in abdate; “Sanyiin kee akkas in baay’ata” akkuma jedhames abbaa saba baay’ee akka ta’u amane. 19lnni, dhagni isaa akka du’e, nama waggaa dhibba guutuu ga’e ta’uu isaa, gadameessi Saaraas akka waan du’ee ta’uu isaa heduudhaan amantiitti hin laafne. 20lnni amantiitti jabaatee Waaqayyoof hooqubaa dhi’eesse malee, amanuu dhabuudhaan abdii Waaqayyo kenneef hin dhabne. 21Waaqayyo waan abdachiise gochuudhaaf immoo akka danda’u inni guutummaatti hubateera. 22Kanaaf iyyuu, “Qajeelummaatti isaaf lakkaa’ame” jedhame. 23lnni “lsaaf lakkaa’ame” jedhu Abrahaam duwwaadhaaf caafame miti. 24Nuyi warra amannuufis immoo akka lakkaa’amu caafameera, nuyis Waaqayyo isa gooftaa keenya Yesusin warra du’an keessaa kaasetti in amanna. 25Yesus irra-daddarbaa keenyaaf du’atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuufis du’aa kaafame. Rom 4:13-25 Abdii jechuun maal jechuu dha? Seera jechuun wo? Abdii fi Seeri garagarumma maal qabu? Ga’een Seera maal? “Seerri dheekkamsa Waaqayyoo in fida” yeroo jedhu maal jechuu isa ti? Amantii jechuun maal jechuu dha? Amantiin kun maal irra dhabataa? Namni amantiin fayya yeroo jedhamu maal jechuu dha? “Kanaafis abdichi ayyaana irraa kan ka’e, sanyii isaa hundumaafis kan eegamu akka ta’uuf amantii irra in dhaabate” (L. 16)”. Kun maal jechuu dha? “Abrahaam akka yaada namaatti waan hin abdachiifne in abdate” (L.18). Akkasumas immo “lnni amantiitti jabaatee Waaqayyoof hooqubaa dhi’eesse malee, amanuu dhabuudhaan abdii Waaqayyo kenneef hin dhabne” (L. 20). Waan Abrahaam godhe kana attamitti hubataa? Qajeelummaan Abrahaam maal irratti hunda’e? Kun maal nu barsiisa? “Yesus irra-daddarbaa keenyaaf du’atti dabarfamee kenname; qajeelummaa akka argannuufis du’aa kaafame” (L. 25). Kun maal jechuu dha? Waaqayyo isa ayyaana isaan karaa Goofta keenya Yesus si wame Qajeela godhe sii dhabeef galata fi ulifina kenni. Ati immo nama amanama tate garaa isatti agarsiisu akka dandeesuuf akka inni hubbana fi humna siif kennuuf kadhadhu. AMMA YKN BOODA “…nuyis Waaqayyo isa gooftaa keenya Yesusin warra du’an keessaa kaasetti in amanna” (Rom. 4:24). Amantiin akkasi gara kamitti na geesuu qaba jette yaadaa? IJOO DUBBI “Hundinuu yakkaniiru, ulfinni Waaqayyoos isaanitti hir’ateera. Isaanumti immoo ayyaana Waaqayyoo isa karaa furii Yesus Kristos tola isaaniif kennameen, qajeelota in ta’u” Rom 3:23-24. Namni ayyaana Waaqayyoon yoo ta’u bate fuula Waaqayyo waan ittin dahabatu kan bira hin qabu. Seerri Waaqayyo inni qulqullun ille nama cubbama qulqullesee fuula Waaqayyo isaa dhabuu hin danda’u. Seerri cubbu namatti mul’isa male umna ittin cubbu mo’atan namaf hin kennu. Eega karaa namni itti fuula Waaqayyootti fudhatama ta’e dhabachuu danda’u karaa ayyaana Waaqayyo isa Yesus Kristosiin namaf kennamu duwwadhanii. Kanafu dubbi fuula Waaqayyotti fudhatamu, dubbin nama Waaqayyo ta’u kun dubbi ayyaanatti male waan namni itti ofi jajuu fi ofii isaa tuuluu danda’u miti. Kanafu hundumitti nama fuula Waaqayyootti gadi of qabuun jirachuun ni ta’a.
Posted on: Sat, 27 Jul 2013 11:16:00 +0000

Trending Topics



>
ttext" style="margin-left:0px; min-height:30px;"> We had a new athlete come in this week with great things to say
BISS 5223-60 Pomona 5223-60 Triaxial Cable Assembly Male Both
Hi! Thank you for all the nice feedback for the first song! You
Reaktionerne fra gårdsdagens artikel "Hvornår må man skyde en
Another question Solution Create an interface stack with methods
The New Message of God is the Truth Ive been waiting for. When I
BATTERY FOR WP3-12 Backup 12 Volt 3.5AH 12v 3.5 Amp-hr Black

Recently Viewed Topics




© 2015